Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareewwan Mootummaa Itiyoophiyaa lolaa jiran lama walii galtee hariiroo waraanaa uummacuu isaanii himame


Faayilii - Taankii lola irratti rukkutame, Adoolessa 1, 2021
Faayilii - Taankii lola irratti rukkutame, Adoolessa 1, 2021

Hogganaan garee mootummaan Itiyoophiyaa Shororkeessaumaatti ramadee Onag Shanee jedhee waamuu, isaan imoo Waraana Bilisumaa Oromoo ofiin jedhan, Kumsaa Dirribaa waraanii isaanii Adda Bilisummaa Ummata Tigraay ykn TPLF wajjin hariiroo waraanaa akka qaban dubbachuu isaanii gabaasinii Asooshiiyeetid Press ibseeraa.

Hogganaan dhaabichaa Kumsaa Dirribaa haasaa Asooshiiyeetid preesii wajjin taasisanin akka jedhaniti, fallii amma jiruu mootummaa Itiyoophiyaa waraanaan aangoo irraa buusuudhaa jedhaniiru.

Gaafii hariiroo uumuu TPLF irraa dhiyaaten waligalteen erga umamee torbanootaa ta’uu isaa kan himan obbo Kumsaa Dirribaa hariiroo siyaasaa umuudhaaf mariin TPLF wajjin taasifamuu itti fufu isaa ibsaniiru.

Dhimma kana irratii amma ammatti Mootummaan Itiyoophiyaas ta’e Addi bilisumaa Umata Tigiraay waan jedhan hin arganne.

Gabaasin kun oduu booddee baldhinaan dhihaata.

Gareewwan Mootummaa Itiyoophiyaa lolaa jiran lama walii galtee hariiroo waraanaa uummacuu isaanii himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:35 0:00


XS
SM
MD
LG