Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godiina Konsoo fi Aanaa Addaa Alee Giddutti Walitti Bu'iinsa Uumameen Namoonni Ajjeefaman


(Suuraa faayilii)

Abbumaa qabeenya lafaa wal qabatee godiina Konsoo fi aanaa addaa Alee giddutti walitti bu'iinsa uumameen gam lameen irraa namnii 16 ajjefamuun ibsamee jira.

Kanneen kuma 16 caalan manaa fi qe'e ofii irraa godaanuu aangawoonni mummaa kan godinaa fi aanaa addaa ibsanii jiru.

Bara 2003 keessas sababuuma lafaan walitti bu'iinsii kan uumamee ture yoo ta'u dilaala lafaa akka baasan gaafatamuus namnii kana hojii irra oolche hin jiru jedhamee jira.

Walitti bu'iinsa uumamee kanaan manneen jireenyaa gubachuu fi wirtuu eegumsa fayyaa gubuuf ituu yaalanii humnii ittisa biyyaa dhaqqabee dhorkuu Yonaataan Zabdiwoos gabaasee jira.

Yaadawwan Ilaali (3)

XS
SM
MD
LG