Xurree ittiin seenan

Breaking News

Garee Hidhate Kan Motuummaa Hin Ta'iiniin Yakka Rawwatame Dhiittaa Mirga Namoomaati Hin Jennu: Amnestii Internaashinaal


Namoonni eessatti akka hidhaman hin beekamnee akkasumas to'annaa jala oolanii haallii nageenya isaanii maal keessa akka jiru hin beekamne waan jiraniif jecha mootummaan dhimma isaanii ifa taasisuu qaba, jechuun gaafate – Amnestiin.
Qorataan jaarmayiicha mirga dhala namaa, kan Amnestii Internaashinaal, Fissahaa Taklee akka jedhanti ibsii Amnestii kun hanga ba'eetti lakkobsii namoota hidhamanii 5000 akka ture, amma garu dabalee gara 7000 ga'uu isaa odeeffannoon nu ga'aa jira jedhu.

Irra heedduun isaanii mana murtitti hin dhiyeeffamiin akka jiran, Kaan immoo maatii ofii arguu, nyaata ykn uffata maatii isaanii biraa fudhachuus hin dandeenye, jechuun kanneen abukaatoo isaanii waliin wal arguu hin dandeenye akka jiranis qorataan mirga namoomaa kun ibsanii jiru.

Hogganoota ABO keessaa Dr.Shuggux Galtaa, Kennasaa Ayyaanaa fi kanneen biroon hanga Sambata darbeetti eessatti akka hidhaman hin beekamu ture kan jedhan Fisseha Taklee, hangi tokko lammummaa biyya alaa waan qabaniif bakka hidhamanii jiranitti qoonsilaa biyya itti lammii ta'anii irraa tajaajiila argachuu qabu turan ykn Embaasiin isaanii isaan daw'achutu irra ture. Dhiittaa mirga namoomaa akkasii fi kanneen biroo hedduutu Jira, jechuun ibsan.

Gabaasa Amnestiin yeroo darbes ta'e amma baase kana irratti mootummaan Itiyoophiyaa qeeqa ykn yaada dhiyeessee jira.
Seera kabajsisuuf tarkaanfii mootummaan fudhatu hundumaa Amnestiin akka dhiittaa mirga namoomaatti fudhata, gabaasichii loogii irraa walaba miti, odeeffannoo irratti rakkoo madaalii eeguu qaba, haala qabatamaa biyya keessaa hubannoo keessa kan galche miti, akkasumas dogoggora qaba, jedha mootummaan Itiyoophiyaa

Qorataan Amnestii Fissahaa Taklee kanaaf deebiin kennaniin qeeqni dhiyaate tokko tokkoon kan lafa ka'amee waan hin taaneef jecha walitti qabee deebii kennuun ulfaataa dha ka jedhu ture.

Mootummaan ala, gareelee hidhatanii sosso'an irra dirqamnii kabajuu mirga dhala namaa hin jiru.Yakka ittisuuf itti gaafatamni kan jiru mootummaa dha jedhanii yakka hojjachuu fi dhiittaan mirga namoomaa waan addaa tahuu dubbatan.Kanaaf yakka hojjatameef mootummaan tarkaanfii yoo fudhate, dhiittaa miraga namoomaa hin jedhamu. Yakki yeroo hojjatamuu mootummaan yoo callisee ilaale garuu dhiittaa mirga namoomaa waan ta'uuf itti gaafatamnis izaa kan mootummaa ta'a, jedhu – Qorataan Amnestii Internaashinaal kun.

Shaashamannee, godiina Arsii, Baalee walii galaa keessatti jeeqamsa uumamee tureen namoonni ajjefamaniiru, kan jedhan qorataan kun gara gidduu galeessatti namoonni hiriira nagaa ba'an humnoota nageenyaa ka mootmmaan ajjeefamaniiru jedhu.
Namoota 177tu ajjeeafame isa jedhu mootummaa irraa fudhanne. Qorannaa ofii keenyaa kan jalqabnee ta'us yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramuu hin ta'u jechuun kan gareen Mirga dhala namaaf falmuu Amnestii Internashnaaliif qorataa ta'an Fissahaa Taklee gaaffii waahiila keenya Afaan Amaaraa Habtaamuu Siyyum waliin gaggeessan xumuranii jiru.

Gabaasaa Guutuu Caqasaa

Garee Hidhate Kan Motuummaa Hin Ta'iiniin Yakka Rawwatame Dhiittaa Mirga Namoomaati Hin Jennu: Amnestii Internaashinaal
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:39 0:00


XS
SM
MD
LG