Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammileen Itiyoophiyaa Sudaan Jiraatan ‘Humnooti Nageenyaa Biyyattii Qabeenya Keenya nu Harkaa Fuudhan’ jechaan himatan


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Lammileen Itiyoophiyaa Sudaan jiraatan torbee sadii as humnootni nageenyaa Sudaan lammilee Itiyoophiyaa tajaajila geejjibaa baajaajiin kennan irratti xiyyeeffataniiruu jedhu.

Ahmed Abbaa Giddii dhalataa Oromoo Kaartuum jiraatudha. Innis yoo haala jiru ibsu, torbee sadii as Kaartuum bakka gara garaatti humnootni nageenyaa Sudaan, lammilee Itiyoophiyaa ‘Baajaajii’n tajaajila kennan harkaa Baajaajii harkaa fuudhaa jiru jedha.

Lammileen Itiyoophiyaa Sudaan Jiraatan ‘Humnooti Nageenyaa Biyyattii Qabeenya Keenya nu Harkaa Fuudhan’ jechaan himatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:30 0:00

Ahmed sababa lammileen Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo keessa galaniif waanti beekamu hin jiru jedha. Waraqaa eyyama jireenyaa warri qabanis, ka eyyama konkolaachisaa qabanis martuu qabeenyi isaanii humnoota nageenyaa kanaan Kaartuum bakka garagaraatti harkaa fuudhamaa jira jechuun dubbata.

Daahir dhalataa Oromoo Kaartuum ganna 14 ol jiraatedha. Innis duula kanaan humnootni nageenyaa biyya Sudaan xinnaatu baajaajiiwwan ka qabeenyummaansaanii dhalattoota Itiyoophiyaa ta’e 100 ol ugguraniiru jedha.

Xaahir Abbaa Milkii Kaartuum keessa baajaajiin tajaajila geejjibaa kenneen jiraataa ture jedha. Dilbata darbe kana humni nageenyaa Sudaan Baajaajii inni ittiin tajaajila kana kennaa ture harkaa akka fuudhe Sagalee Ameerikaatti dubbate. Xaahir humnootni nageenyaa kun yoo Baajaajii kana harkaa fuudhan akka isa reebanis dabalee dubbate.

Lammileen Itiyoophiyaa rakkoo kana himatan qaama mootummaa Sudaan ka tarkaanfii kana ajaje waan wallaalleef gara Embasii Itiyoophiyaatti iyyaannee deebii eegaa jirra jedhu. Obbo Mikaa’el Xoobiyaas Qoonsilaa Itiyoophiyaa Kaartum jirutti Itti Gaafatamaa Dhimma Diyaaspooraa ti. Waajjirri isaanii dhimma kana hordofaa akka jiru Sagalee Ameerikaaf mirkaneessanii jiru. Obbo Mikaa’el; “Torbee sadiin dura Kaartuum naannoo Omdurmaan ka jiraatan lammileen Itiyoophiyaa humnootni raayya biyyattii baajaajiwwan qabnu nu harkaa fuudhan himata jedhu nutti dhiyeeffatanii turani. Kanaaf utuu humna poolisii ta’ee salphaa ture, garuu waanti kun miseensota raayya ittisa biyya sudaaniin waan raawwatameef karaa qondaaltota nageenyaa Imbaasiin akka furamuuf yaalii taasisnee turre, qondaaltota nageenyaa Imbaasiitiif ni lakkifna jedhuu, warri baajaajiin duraa uggurame yoo dhaqanii gaafatan ammoo qaama oliitu nu ajajaje kaanaaf siniif hin gadhiifnu waan jedhu himatu, kana furuuf egaa amma xalayaa komii gara Waajjira Haajaa Alaa mootumama Sudaanitti barreessaa jirra.” jechuun dubbatan.

Obbo Mikaa’el tarkaanfiin kun guyyoota darban kanallee itti fufuu eeranii Qonsiilaan Itiyoophiyaa maaliif akka qabeenyi lammilee Itiyoophiyaa qofti xiyyeeffannoo keessa gales ni gaafata jedhan.

Kanaan duras Sudaan lammilee Itiyoophiyaa biyyattii keessa jiraatan ka dhibbootaan lakkaa’aman waraqaa eyyama jireenyaa hin qabdan jechaan ka hidhaatti darbitee turte yoo tahu, qondaalli Qoonsilaa Mikaa’eel Xoobiyaas ergasii angawootni biyyoota lameenii maree taasisaniin lammileen Itiyoophiyaa Paaspoortii baafatanii eyyamaan akka jiraatan walii galameera jedhan. Warri alas hidhaa bu’e garuu manni murtii Sudaan adabbii maallaqaa fi hidhaa waan irratti dabarseef hidhaa hiiksisuun hin danda’amnes jedhan

XS
SM
MD
LG