Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Filannoo Gaggeesuuf Karoorfachuun Mormiin Isa Mudataa Jira


Murtii mana maree Federaalaan ala akkasumas ilaalcha guutuu biyyaan faallaa ta'uun Addi Bilisummaa UummataTigraay(TPLF) filannoo gaggeessuuf murteessuu isaa bulchiinsa naannoo ollaa ta'an irraa mormiin isa mudatee jira.

Koreen eenyummaa Amaaraa walqaayit deebisuuf hundeeffame akkasumas sochiin biyooleessa Amaaraa ibsa baasaniin TPLF

waggoota 27f aangoo qabu gargaaramuun abbaa irrummaan gargaaramee lafa bulchiinsa naannoo Amaaraa jala ture gara Tigraayti kutee jedhan.

Waa'een lafaa fi eenyummaa furmaata ituu hin argatiin filannoo gaggeessa jechuun hin ta'u jedhu.

Eega jijjiramnii argamee as illww dhimmi kun deebii akka hin argannee fi mana maree federeshiniitti kan iyyachuuf jiran ta'u dubbatu.

XS
SM
MD
LG