Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gujii Lixaa Keessatti Namoonni Torba Ajjeefaman: Angawaa


Gujii, Oromiyaa
Gujii, Oromiyaa

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godiina Gujii aanaa Galaanaa keessatti hidhattonni haleellaa gaggeessaniin namoonni 7 ajjeefamuu waajiira bulchiinsa aanaa sanaa beeksisee jira.

Hidhattoota haleellaa kana gaggeessuun dheessaa turan jedhaman keessaa 6 humnootii nageenyaan ajjeefamuunis ibsamee jira.

Waajiira Komunikeeshinii aanaa kan ta’an Obbo Gabayyoo Yaadatee garee shoroorkeessaa jechuun kan waaman Shaneen, dheengadda Caamsaa 14 bara 2013 ganda Shoroo Caalbeessaa jedhamu keessatti sivilootaa fi itti gaafatamtoota hojii kan mootummaa ajjeesan jedhan.

Siviloonni ajjeefaman sirnii awwaalcha isaanii rawwatamee yeroo ammaa naannoon sun tasgabbaa’uu ibsan.Haleellaan kun bifa qindaa’een kan gaggeeffamuu ta’u fi garee shoroorkeessaa jechuun waaman sanas adamsuuf humnii nageenyaa bobba’ee hojjataa kan jiru ta’u obbo Gabayyoo Yaadatee ibsanii jiru.

Haleellaa kanaaf gareen itti gaafatama fudhatee kan hin jirree yoo ta’u garee haleellaa kana geesisee jechuun kan aangawaan komunikeeshinii himatan qunnamuuf yaaliin godhe hin milkoofnee jechuun Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG