Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoota Dimookiraasiin Bulan Guguddoo Keessatti Dabalatee Rakkoon Gaazzexeessota Mudatu Hammaataa Dhufe, Jedhu Gurmuuleen Walabummaa Preesiif Falman

Guyyaa Walabummaa Preesii har’a guutummaa addunyaatti ayyaaneffamee oole ilaalchisuuun, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa dabalee kanneen galii dilaalaa uummata Ameerikaatiin socho’an – maddeen oduu biyyattii har’a Joorj Waashington Yunivarsitii wajjiin walgargaaruun marii tokko qopheessanii jiran. Marii kana irratti hayyoonni dubbatan, odeeffannoo dhugaa argachuuf dheebuu uummatni qabuu fi uummata sana irraa daangessuuf carraaqqii mootummoonni godhan ibsan. Madda oduu NPR jedhamuuf itti-aanaa prezidaantii tamsaasa oduu fi ibsa gulaalaa ka ta’an – Maayikil Oreskes, waa’ee kanaa ennaa dubbatan, “ kun mootummaata irreen-bultoota irraa ka’ee haga bakkawwan nuti dimookiraasiin jira jennuu, bakkawwan deemsa odeeffannoo ugguruun hojii mootummootaa ta’eetti deema.

Kun immoo, hojii oduu funaannachuu baay’ee ulfaataa fi yeroo tokko tokko immoo baay’ee bala’amaa taasisee jira” jedhan. Kan Raadiyyoon Sagalee Ameerikaa jalatti bulu – Boordii Bulchitootaa Tamsaasaa, ka Broadcasting Board of Govedrners yokaan BBG jedhamuuf hoogganaa ka ta’an – Joon Laansiing immoo, odeeffannoon akka meeshaa waraanaa ta’ee dhufuu hubachiisan.

Prezidaantiin Yunaayitd Isteets – Doonaald Traamp, maddeen oduu Yunaayitid Isteets tokko tokko oduu dharaa tamsaasu – jechuun balaaleffatan. Miidiyaan diina uummataa akka tahetti illee dubbatan. Gareen mirga gaazzexeessotaaf falmu – Reporters Without Boarders, “Traamp maddeen oduu biyya isaanii keessaa balaaleffachuun, akka hoogganoonni biyyoota Addunyaa irraa maddeen oduu biyyoota ofii keessaa ukkaamsuu itti fufan hamilee kenneef” jechuun qeeqa.

Raadiyoon Sagalee Ameerikaa, akkuma duraan turetti madda-oduu walaba ta’ee itti fufa moo afaan Mootummaa Prezidaant Traamp ta’a gaaffii jedhuuf – hoogganaan BBG – Joon Laansiing ennaa deebisan, “VOAn Afaan mootummaa ta’uudhaaf chaarterri isaa akka isa dhorku uummatni hubachuu qaba” jedhan.

Kana cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaaa

Biyyoota Dimookiraasiin Bulan Guguddoo Keessatti Dabalatee Rakkoon Gaazzexeessota Mudatu Hammaataa Dhufe, Jedhu Gurmuuleen Walabummaa Preesiif Falman
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:30 0:00

XS
SM
MD
LG