Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moqdishoo Keessatti Haleellaan Boombiin Of-wareegdotaa Dhoosame Namoota 10 Ajjeesee


Haleelaaa gahe booda
Haleelaaa gahe booda

Magaalaa Moqdishoo, aangaa Waajir keessatti haleellaa har’a geggeessame kanaaf garee Al-shabaab tu abbummaa labsate.

Magaalaa galma-mootummaa Somaaliyaa – Moqdishoo keessatti, haleellaan Boombiin of-wareegdotaa konkolaataa irraa dhoosame yoo xiqqaate namoota 10 ajjeesee, 18 madeesse – jedhu – namoonni ijaan arganii fi aangawoonni naannoo.

Magaalaa Moqdishoo, aangaa Waajir keessatti haleellaa har’a geggeessame kanaaf garee Al-shabaab tu abbummaa labsate.

Namoonni ijaan argaman akka jedhanitti, Mini-baasiin dhoka’aan guutame, guyyaa waree booda sa’aa kudha-lamaa fi daqiiqaa afurtama irratti, gamoo waajira bulchiinsa naannoo, ka qabsaa’onni - dargaggoonnii fi dubartoonni keessatti walga’anii jiranitti, ulaa cabsee seenee dho’insa guddaa dhageessise – jedhu – namoonni ijaan argan.

Namni konkolaataa sana keessa ture tokko ta’uu ka dubbatan – Koomishinarri Itti-aanaan aanaa sanaa Abbukaar Sheek-Ahmed, “namoota baay’ee tu nu jalaa dhume. Irra-jireessi isaanii, dargaggota qabsaa’ota” jedyhan.

Hooggantoon waldaa dubartootaa, Koomishinarra aanaa sanaa – Omar Abdullaahii Hasan, Hoogganaan gurmuu dargaggootaa fi barreessaan bulchiinsa aanaa sanaa illee haleellaa sanaan madaawan – jedhama.

Gareeleen baraarsaa, namoota lubbuun hafanii fi reeffa kanneen dhumanii barbaacha, Buldoozeriidhaan caccabaa gamoo sanaa gargaggalchaa jiran.

Al-shabaab, waggaa kana keessa, magaalaa galma-mootummaa Somaaliyaa – Moqdishoo keessatti, haleellaa hammeessee jira.

Gareen Al-qaa’idaatti hidhata qabu kun, mootummaa biyyoolessaa Somaaliyaa buqqisee, mootummaa Islaamummaa gad-dhaa

XS
SM
MD
LG