Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Rookkeettii Kaabuliin Raase


Rookkeettii hedduun magaalaa galm mootummaa Afgaanistan Kaabul keessa kan jiru waaltaa diplomaasummaa kan rukute ennaa prezidaant Ashraaf ayyaana waggaa Eid al Adahaa irratti haasaa dhageessisaa jiranitti ta’uu poolisiin beeksisee jira.

Poolisiin akka jedhetti rookkeettiiwwa kun kan furguggifaman magaalattii dhaa alaa yoo ta’u mana mootummaa prezidaantummaa fi keellaa embaasii cinatti lafa dha’e.

Prezidaant Ghaaniin haleellaa sana ennaa ergaa Eid dabarsaa jiran balaaleffataniiru. Ghaaniin lola dhaabinsa Talibaan waliin jiru baatilee sadiif akka dhaabatu kan labsan dilbata turue.

Maddeen Talibaan akka jedhanitti hoogganni isaanii ajajawwan waraanaa naannoo jiran ennaa ayyaana Eid guyyoota afuriif akka lola akka dhaaban kan itti himan ta’us, sirnaan waan labsame hin turre.

XS
SM
MD
LG