Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Badiif Sosso’an Mootummaan Callinsaan Hin Ilaaluu: Dr. Abiyyi Ahmad


Qaanqee haqaa fi dimokraasii amma mul’ataa jiru boreessuuf humnootii sosso’an mootummaan obsaan kan hin ilaallee ta’u mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad hubachisanii jiran.

Mummichi ministeeraa kana kan dubbatan Baahir Daar keessatti kan gaggeeffame walgahii BIADEN irratti yoo ta’u namoonni muraasnii kanneen irra hedduun isaanii eenyummaa gosaa irratti hunda’uun haleellaan gaggeessa dabalaa dhufe ibsan.

Kun immoo nagaa, bilisummaa fi wabii jireenya uummataa hundeedhaa jeeqaa waan jiruuf ammaan booda mootummaan gocha akkasii gonkumaa obsaan waan hin ilaalleef jecha uummannis mootummaa cina akka dhaabatu gaafatan.

Bu’aa garee fi dhunfaaf eegsisuuf jecha kanneen nagaa booreessan hojii isaanii irraa akka of qusatan Dr. Abiyyi Ahmad gaafachuun gabaafamee jira.

XS
SM
MD
LG