Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriiraa fi Ajjeechaa Godina Gujii


Godiina Gujii bahaa Adoolaa Waayyuu keessatti Obbo Guutaa Daadhii raayyaa ittisa biyyaan har’a ajjeefamuu jiraattonni ibsanii jiru.Konkolaataa ofiin Shaakkisoo irraa gara Adolaatti oofaa ituu jiranii rasaasaan rukutaman jedhu jiraattonni.Bulchaan magaalaa Adoolaa Waayyuu Obbo Haayle Horoo bilbila harka isaanii kaasanii deebisanii cufan.

Godina Gujii aanaa Girjaa keessatti uummanni hiriira ba'uun mormii ofii fi gaaffii qabu dhiyeeffachuun isaa ibsamee jira.

*Maxxansa durraa keessatti maqaa nama Adoolaa Waayyuu keessatti kaleessa, Roobii, Caamsaa 10, 2018 ajeefame Shaakkisoo Guutaa kan jenne dogoggoraani. Nu oofkalchaa.

Gabaasa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:17 0:00

XS
SM
MD
LG