Xurree ittiin seenan

Breaking News

WBOn Dilbata Dabre Gidaamii fi Beegii Keessatti Raayyaa Ittisaa Haleelee Hedduu Ajjeese, Jedhama. Har’a mmoo Beegiitti Poolisoonni Boombiin Haleelaman 


Loltoota Adda Bilisummaa Oromoo, Mooyalee, bara 2009

Godinaa Wallagga Lixaa magaalaa Beegii keessatti har’a ganama haleellaan boombii waajjira poolisii aanichaa fuulduratti geggeessamee qondaalota madeessuu isaa jiraattonnii fi angawaan yaaddoo nageenya isaaniif jecha akka maqaan isaanii himamu hin feene VOAf ibsanii jrian.

Dilbata dabre kana immoo Waraanni Adda Bilisummaa Oromoo, aanaa Gidaamii keessatti, itti fufees aanaa Beegii geessatti haxxee hidhee raayyaa waraanaa mootummaa irratti haleellaa geggeesseen fi loltoota hedduu irraa ajjeesuu isaa jiraattonnii fi angawaadhumti sun dubbatanii jiran.

Haleellaalee gidduu kanaa ilaalchisee, Komaandi Poositii, naannoo Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa jiru irraa haala ibsa argachuuf carraaqqii gochaa jirra. Ammaaf itti hin milkoofne.

Garuu, eega labsiin yeroo muddamaa labsamee booda, baatii Bitootessaa keessa, kan labsii yeroo muddamaa ilaalchisee, maddeen oduu ibsa kennanii turan – Hoogganaan Koomishina Poolsii Fedeeraalaa Itiyoophiyaa – Jeneraal Asaffaa Abiyyuu, mootummaan Ertiraa, yeroo dheeroodhaa jalqabee biyya keenya jeequuf hojjetaa turee. Kan immoo kan gochaa jiru qofaa isaa otuu hin taane, gurmuulee fi qaamota biyya keenya irraa dhalatan, garuu, kan hojii shororkeessummaatti jiran ofitti hammachuudhaan, leenjisuu, deggeruu fi bobbaaduudhaan – jechuun balaaleffatanii turan.

Generaal Asaffaan ibsa kennuu isaanii dura, baatiidhuma sana keessaa, haleellaa Moyaalee keessatti geggeessamee lubbuu namaa galaafatee ilaalchisuun, ka madda oduu Itiyoophiyaaf deebii kennanii turan – bakka-bu’aan Komaandii Poostii Labsii yeroo muddamaa yeroo sanaa – Generaal Hasan Ibraahim, Addi Bilisummaa Oromoo, kallattii sadi’iin biyyattii seenuuf akka socha’aa jiru dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Addi Bilisummaa Oromoo, eega bara 1992 mootummaa cehumsaa Itiyoophiyaa keessaa dhiibamee bahe – jedhan irraa jalqabee, mootummaa Itiyoophiyaa waliin akka lolatti jiru ka dubbatan – hoogganoonni Adda Bilisummaa Oromoo ammoo, “Addi Bilisummaa Oromoo kan alaa seenee mootummicha waraanu otuu hin taane, ka biyyattii keessatti uummata Oromoo waliin hiriiree, bilisummaa uummatichaa lolaa turee fi lolaa jiru” jedhanii turan.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

WBOn Dilbata Dabre Gidaamii fi Beegii Keessatti Raayyaa Ittisaa Haleelee Hedduu Ajjeese, Jedhama. Har’a mmoo Beegiitti Poolisoonni Boombiin Haleelaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:18 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG