Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaa Irratti Hin Dhiyeessine. Garu Murtii Eeggadhu Jedhun


Magaala Mattuu
Magaala Mattuu

Godina Iluu abbaa bor magaalaa Mattuu keessatti hidhamanii kan jiran namoonni 35 keessaa 18 ragaa ga’an waan irratti hin dhiyaanneef akka walaba ba’an kanneen biroo 8 yakka idileen akka himataman kanneen biroon 9 himanni labsii yeroo hatattamaan akka himataman jechuunKomaand postiin aanaa yaada komaand postii Qaxanaa 4 magaala Naqamtee keessa jiruuf yaada dhiyeesse.

Komaand Postiin Qaxanaa 4 deebii kenneen hunsuu akkuma dhiyaateetti hojii irra haa oolu eega jedhee booda ajajaa polisii magaalaa Mattuu kan ta’an Komaandar Nagaraa Dhufeeraa murtiin biraa hanga kennamuuti hidhaa keessa haa turan jedhe.

Gama kaaniin Komaandarii fi namoonni ka biroon 8 himata tokko malee hidhaa keessaa guyyaa 50 caalaa turre jechuun mana murtii sadarkaa olaanaa godinaatti himannaa galfatan. Kanaafis maaliif hidhee akka kaa’ee polisiin godina Iluu Abba Boor akka Ibsuuf manni murtii xalayaa kan ergee ta’uus bellama jalqabaa irratti dhiyaatee deebii kan kenne waan hin jirreef bellamnii biraa Wiixata Caamsaa 7 bara 2018 kennamee ture.

Himatii hidhamtoonni dhiyeessan cufamuu isaa manni murtii ibsee Komaandar Nagaraan mana murtii aanaatti himannaan haaraan akka isaan irratti banamuu itti himamee jedhu kanneen achii turan.

Hidhaa keessa turee murtii kennamuu haa eeggatu jechaa gama kaaniin himannaa haaraatu si irratti dhiyaachuuf deema kan jedhu waan isaa iyyu namaa hin galuu jedhu kanneen dubbisne.

Komaand postiin aanaa garu deebii gabaabaa kenneen ibsa kennuun dhorkaadhaa, mana murtiitti dhimmi kaleessa dhiyaatan cufameera jedha.

Himatii hidhamtootaa dhageettii hin arganne jechuu dha.

Gbaasa guutuu caqasaa.

Himannaa Irratti Hin Dhiyeessine. Garu Murtii Eeggadhu Jedhun
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:23 0:00

XS
SM
MD
LG