Muummicha ministeeraa Abiy Ahimed deggeruuf jecha hiriirri guddaan tokko dilbata darbe magaalaa Baahir Daar keessatti geggeessamee jira.
Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Amaaraa obbo Gedduu Andaargaachoo kanneen irratti hirmaatanii fi angawoota maqaa dha’an iyyuu dargaggootaan garuu goota humna jijjiiramaa ittiin jedhan.
Itti aansuu dhaanis Itiyoophiyaan baatilee xiqqoo darban keessa waggoota hedduuf nagaa dhabame keessaa ba’uu dhaan nageenyi hangi tokko buufatee uummati ishees sadarkaa tokko ta’an irratti kan argaman ta’uu yaadachiisaniiru.
Baatilee xiqqoo darban keessa uummatichi fi gareen muummicha ministeeraa haarawaa kan Dr. Abiy Ahimed tokko ta’uu dhaan maal akka baratan ennaa dubbatan tokko ennaa taanu gaarreen waan itti hin bu’amne fakkaatan jigsuu akka dandeenyu barannee jirra. Ennaa walitti dabalamnu sibiila baqsuu akka dandeenyu argineerra.
Ennaa wal jaal’annu biyya keenyaaf robni dhiifamaa fi jaalalaa akka roobu hubannerra jedhan.
Obbo Gedduun ennaa kana jedhan garuu daandiin jijjiirama kanaa matinuu salphaa dha jechu miti jedhan.