Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Televiziyoona Tigraay Aangoo Irraa Kaafaman


Obbo Biraahuu Abbaadii, hojii gaggeessaa Televiziyoona Tigraay hojii irraa kaafaman
Obbo Biraahuu Abbaadii, hojii gaggeessaa Televiziyoona Tigraay hojii irraa kaafaman

Hojii gaggeessaan Televiziyoona Tigraay obbo Biraahuu Abbaadii aangoo irraa kaafamuun guyyoota darban sadiif dhimmi miidiyaa hawaasaa irratti dubbatamaa jiru ta’e jira.

Waajirri quunnamtii uummataa ka naannoo Sanaa fuula Fees Book (FB)isaa irratti ibsa maxxanseen obbo Biraanuu Abbaadii itti gaafatama qaban irraa akka kaafaman kan murteesse koreen hoji raawwachiistuu adda bilisummaa uummata Tigraay (TPLF) ta’u beeksisee jira.

Sababiin aangoo irraa kaafamuu Obbo Biraanuu Abbaadiif kennae Televiziyoonni Tigraay saffisa barbaadamuun jijjiirama fiduu hin dandeenye kan jedhu ta’u hubachiise.

Hojii bulchiinsaa fi paartii wal keessa fuudhuu akkasii gama seera kabajsisuun rakkoo uumuu isaa paartiin Tigraay bulchaa jiru iyyu ni amana jedhu kanneen yaada kennan.

Gabaasa Mulugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa erge caqasaa.

Hogganaan Televiziyoona Tigraay Aangoo Irraa Kaafaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:52 0:00

XS
SM
MD
LG