Yunivarsitii Bulee Horaa keessatti har’a barattoota hiriira bahan irratti humni mootummaa federaalaa bombii imimmaansu biifuun barattoota hedduu reebuu isaanii hojjattoonnii fi barattonni yunivarsitichaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.
Gaaffiin barattootaa haleellaan humna Liyyuu Poolsiitiin daangaa qaxxaamuun godinaalee Oromiyaa daangaa irraa keessatti geggeessamaa jiru haa dhaabatu, uummata keenya sababaa haleellaa kanaan miidhaan irra gahee fi kuma kurna hedduu qehee ofii irraa buqqa’eef mootummaan federaalaa ilaalacha hin kennine, akka ilaalcha kennu gaafanna, kanneen saba keenya irratti ajjeechaa fi miidhaalee adda addaa raaw’atan seeratti haa dhihaatan, kanneen jedhanii fi ka biroo tahuu ka dubbatan barattoonnii fi jiraattoonni, humnoonni mootummaa federaalaa duraanii mooraa sana keessa jiraatan gaazii imimmaansisu biifuu fi barattoota hedduu tumuudhaan hiriiricha bittimsan jedhan.
Dhaggeeffadhaa