Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiwuman Raayitis Waach Manneen Barnootaa Tigraay Keessaa Miidhaan Irra Gahuu Gabaase


Mana barumsaa Maqalee keessaa namoonni qehee irraa buqahan keessa jiran, Caamsaa 10, 2021.
Mana barumsaa Maqalee keessaa namoonni qehee irraa buqahan keessa jiran, Caamsaa 10, 2021.

Dhaabbatni Mirga Namoomaa, Hiyuumaan Raayitis Waach, “Tigiraay keessatti eega walitti-bu’insi irraa kaasee gareelee waraansichatti hirmaataniin manneen barnootaa irratti miidhaan raaw’atamaa jira. Diigamaa fi saamamaa jiru,” jechuun, gabaasaa dheengadda baaseen beeksisee jira.

Hiwuman Raayitis Waach Manneen Barnootaa Tigraay Keessaa Miidhaan Irra Gahuu Gabaase
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:07 0:00

Gareen mirgoota dhala-namaaf falmu kun gabaasaa isaa keessatti, ragaa Biiroo Barnootaa Naannoo Tigiraayiin baatiidhuma Caamsaa kana keessa bahe, jedhuun manneen barnoota a 15 irra miidhaan ol’aanaan gahuu isaa, manneen barnootaa 53 kaanis miidhamuu isaanii fi Tigiraay kaabaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa lama keessa loltoonni Itiyoophiyaa buufatanii akka jiran beeksisuu isaa huabchiisee jira.

Hiyuuyuumaan Raayitis Waach, Manneen-barnootaa Tigiraay keessaa haala itti jiran, baatii Amajjii fi Caamsaa gidduutti jiraattoota 15, barsiisotaa fi warren ijoollee, barattoota duraanii fi hojjetoota gargaarsaa bilbilaan dubbisuu isaa fi dhaabbatoota sabaa-himaa, dhaabbatoota gargaarsaa fi dhabbatoota mirga namoomaa biyyaalessaatiin gabaasaalee dhihaatan ka gamaaggame tahuu ibsee, kana maalees to’annaa suuraalee saatelaayitii geggeesseen konkolaatonni waraanaa batiilee Sadaasaa fi Bitootessaa keessa mooraa mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Atsee Yohaannis keessatti arguu isaa ibsee jira.

Manneen barnootaa miidhaan irra gahe jechuun dhaabbatichi ibse keessaa tokko ka tahe mana-barnootaa kana irra miidhaa gahe kanneen agarsiisan suuraalee fi viidiyooleenm kan jiran tahuu, loltoonni Itiyoophiyaa eega mooraa sana qabatanii booda kompiyuutaroota, iskiriiniiwwan pilaazmaa fi nyaatawwan torbanneen hedduudhaaf fe’anii akka bahaa turan jiraattonni Maqalee itti himuu isaanii, loltoonni sun yeroo baatii Ebilaa keessa mana barnootaa sana akka tasaa gad-lakkisanii bahan, jiraattonni kutaalee fi biiroolee mana-barnootichaa irra, daandiilee eletirikii fi bishaanii irra akkasumas qabeenyaalee biroo irra miidhaan gahee arguu isaanii natti himanii jiran, jechuun gabaase – Hiyuumaan Raayitis Waach.

XS
SM
MD
LG