Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walabummaa Keenyaaf Wareegama Kaffalame Yaadachuu Qabna: Prezidaant Joo Baayiden


Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden bakka awwaalchaa Arlington National Cemetery jedhamutti
Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden bakka awwaalchaa Arlington National Cemetery jedhamutti

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, itti aantuu prezidaantii Kamalaa Harisii fi angawoonni waraanaa sadarkaa ol aanaa biyyattii Wixata har’aa ennaa biyyattiin yaadannoo guyyaa goototoaa ayyaaneffattu kanatti bakka awwaalchaa Arlington National Cemetery jedhamutti argamuu dhaan awwaalcha kanneen waraansa irratti wareegaman irra sirna abaaboo kaa’uu geggeessanii jiran.

Walabummaa Keenyaaf Wareegama Kaffalame Yaadachuu Qabna: Prezidaant Joo Baayiden
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:01 0:00

Prezidaant Baayiden, Ministrii ittisaa Lloyd Austin fi Hogganaan hojjettootaa Jeneraal Maark Milley dugdee Washingtton-tti kan argamu bakka awwaalchaatti sirna yaadannoo qophaa’e irratti haasaa dhageessisuuf jiru.

“Baayiden dilbata kaleessaa bakka gadamoojjiiwwan waraanaa fi maatiiwwan miseensota waraanaa biyya isaanii utuu tajaajilanii wareegamaniif haasaa dhageessisaniin,wareegma isaan kaffalanii fi maatiiwwan isaan dhiisanii deeman yaadachuu qabna jedhan. Bakka maatii gaddaan dha’amee ta’ee garaan koo akkaan na gadde jedhan Baayiden.

Ibsi Baayiden kun kan dhag’ame kan waardiyyaa waraana biyyoolessaa keessaa tajaajilaa turan waggaa ja’affaa du’uu ilma isaanii Beau Bidenitti ture. Beau Biden bara 2015 jechuun waggaa ja’a har’aa utuu dhibee kaanseriin du’aan hin boqotin dura humnootii Yunaayitid Isteetiss kanneen Iraaq keessaa daawwatanii jiran.

Nama ofii dhabuun attam akka nama dhukkubsu nan hubadha jedhan Baayiden. Laphee ofii keessatti qaawwaa inni dhiisee darbus nan beeka, hafuura ol fudhatanii deeffachuu akka dadhabuu ti jedhan.

Firoottan koo gaddi hammi kun jiraatus, kanneen jaal’attan lubbuu isaanii dhabanii fi kanneen amma biyya isaanii tajaajilaa jiran ilaalchisee boonuu isinitti dhaga’amu nan beeka. Kunis boonuu fi gootummaa Ameerikaa keenya guddittii tajaajiluu ti jedhan.

XS
SM
MD
LG