Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Dhiibbaa Alaa Balaaleffate Finfinnee Keessatti Geggeessame 


Hiriira mootummaa Itoophiyaa deeggaruudhan Finfinneetti geggeeffame, Caamsaa, 30, 2021.

Lammiwwan Itiyoophiyaa kumootaan lakkaawaman, “sagaleen keenya bilisummaa keenyaa fi birmadummaa keenyaaf” mata-duree jedhuun, kaleessaa magaalaa Finfinnee keessatti hiriira bahanii jiran.

Hiriiricdhi, waraansa hamaa Tigiraay keessatti geggeessame ilaalchisee dhiibbaa alaa mootummaa Itiyoophiyaa irratti godhamu kan balaaleffatu yoo tahu, hiriirtonni dhaadannoo kaleessa baataniin, Yunaayitid Isteetisii fi hawaasa sadarkaa addunyaa biroo, kanneen haleellaa fi hookkarawwan biroo Tigiraay keessatti geggeessame ilaalchisee yooddoo isaanii ibsan qeeqanii jiran. Aangawaan Yunaayitid Isteetis tokko, ibsa torban dabre kennaniin, yoo hookkarri Tigiraay keessatti siiviloota irratti geggeessamu kan itti fufu tahe, Itiyoophiyaa fi Ertiraa irra uggurri dabalataa kan kaayamuu malu tahuu dubbatanii turan.

Hiriirri Dhiibbaa Alaa Balaaleffate Finfinnee Keessatti Geggeessame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:14 0:00


Yaadawwan Ilaali (11)

XS
SM
MD
LG