Xurree ittiin seenan

Breaking News

Inni Duraan Nu yaaddessaa Ture Hin Hafne.KFO


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Labsiin yeroo muddamaa rakkoo biyya keessaa daran waan hammeesseef jecha mootummaan labsii kana kaasee paartilee mormituu waliin dubbachuun walii galtee sadarkaa biooleessaa irra akka ga’u KFO-n kaleessa gaafatee jira.

Labsiin yeroo muddamaa hojii irra eega oolee as godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti namoonni 29 ajjefamuu fi hidhaan itti fufuu ibsi kun hubachisee jira.

Waggootii darban 27 keessatti ADWUI..n irra deddebi’uun heera biyyatti cabsaa fi malaamaltummaan akka jabaatu gochuun akkasumas jijjiramnii Dimokraasii akka hin argamneef balabala cufuu isaa amanee dhiifama gaafachaa badii kana sirreessuu manna uummata irratti midhaa geesisaa jira jedha ibsi ba’e.

Dhuma irrattis ajjechaa fi hidhaan akkasumas uummata walitti buusuun akka dhaabtu, hidhamtoonni siyaasaa dabalataan akka gadhiifaman, mariin gaggeeffamee furmaanni waaraa akka argamuuf ibsii KFO kun gaafatee jira.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa

Inni Duraan Nu yaaddessaa Ture Hin Hafne.KFO
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:36 0:00

XS
SM
MD
LG