Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liyyuu Haayil Maatii Tokko Keessaa Nama Shan Ajjese. Jiraattootaa fi Angawaa


Liyyuu Haayil Maatii Tokko Keessaa Nama Shan Ajjese. Jiraattootaa fi Angawaa
Liyyuu Haayil Maatii Tokko Keessaa Nama Shan Ajjese. Jiraattootaa fi Angawaa

Oromiyaa Godina Baalee aanaa Saweenaa ganda “Burqaa Dhaaree” jedhamu keessa Liyyuu Poolisiin bulchiinsa naannoo Somaalee seenee maatii tokko irraa namoota shan ajjeese jechuun jiraattonni dubbataa jiru. Kanas Jimaata dabree yeroo laftii bari’uuf deemu humnootiin Liyyuu Haayle daangaa ce’anii seenuun ajjechaa kana geesisan jedhu.

Maatii Obbo Goolaa Huseen Aliyyii keessaa ijoolleen isaanii sadii kan ajjefaman yoo ta’u haatii warraa isaanii fi ilmii isaanii ka biraa umriin waggaa sagalii rasaasaan haleelamanii hospitaala seenanii jiru.

Garu kan umriin isaa waggaa sagalii kun maqaan Ibsaa Goolaa kan jedhamu yoo ta'u rasaasaan rukutamee lafeen lukaa naannoo gudeeddii issatti waan cabseef jecha wal’ansa sadarkaa olaanaaf hospitaala Gobbaatti ergame. Harmeen isaa garu hospitaala Gindhiir keessatti yaalamaa jiru.

Ilmii isaani dhumaa kan baatii torbaa fi abbaa ka ta’an Obbo Goolaa Husseen qofatu mana keessatti kan hafan yoo ta'o Obbo Goolaan yeroo tarkaanfiin kun fudhatameetti mana keessa hin turre jedhu jiraattonni naannoo.

Abbaan Obbo Goolaa maanguddoon umrii dheeraa Husseen Aliyyii fi namnii biraa naannaa manaa ture ajjefamuun beekamee jira.Bulchaan aanaa Beltoo Obbo Ziyaad Amaan ajjechaa kana mirkaneessanii jiru.

Gama kaaniin ajajaan polisii magaalaa Mattuu Komaandar Nagaraa Dhufeeraa haga ammaatti hidhaa keessa kan jiran ta’u haatii warraa isaanii Aaddee Simmany Taayyee Sanbatoo ibsanii jiru.

Sababiin itti to'annaa jala ooleef kan hin ibsamneef ta'u fi Komaandar Nagaraan gadda guddaa keessa akka jiran kan ibsan aaddee Simmany Ijoollee koo lamaan waan dhukkubsataniif wajjin rakkataan jira jedhu.Waan godhamu waan hin jirreef Waan hundumaa waaqayyoo fi uummata Oromoofiin dhiisa jedhan.

Magaalaa Gimbii keessatti raayyaa ittisa biyyaan ammaan dura rukutamuu isaa maddeen Hospitaala Gimbii kan ibsanii turan dargaggoo Gammachis Zawduu kaleen isaa miidhamee eega baafamee booda lafeen duugda isaa(spaaynal Koord) midhamuu hin oolu jedhamuun Finfenneetti ergamee jira.

Jimaata darbee Finfinnee eega dhaqqabee booda mar’umaan isaa keessatti malaan kuufamee waan argameef jecha wal’ansii baqaqsanii suphuu godhameefii akka jiru dubbatu maatiin.

Lafeen duugda isaati sadarkaa maali irra akka jiru waan hakimiin jedhu eegaa jirra jedhu.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Liyyuu Haayil Maatii Tokko Keessaa Nama Shan Ajjese. Jiraattootaa fi Angawaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:46 0:00

XS
SM
MD
LG