Ergaa Prezidaant Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden qabatanii gara Itiyoophiyaatti imalanii ka deebi’an - Mana-maree Murtii Seeraa Yunaayitid Isteetisitti, Dura-taa’aan Koree Dhimmoota Naamusaa – Seneeter Kiris Kuuns, waa’ee daawwannaa isaanii fi aangawoota dubbisanii, walakkeessa torban dabree irratti, Mana-maree Dhimmoota Tika Nagaa ka Waayit Haawusitti ibsa kennanii, gaaffiilee gaazzexeessotaa fi seneetaroota irraa dhihaataniifis deebii kennanii jiran.
Seneeter Koons, guyyoota lamaaf yeroo Finfinnee turanitti, si’a lama muummicha-ministaraa Itiyopphiyaa – Abiyyi Ahimad wajjiin si’a lama walga’uu isaanii fi walumaa-galatti sa’atiilee shaniif mari’achuu isaanii dubbatan. Ibsa Seneetarichi kennan, Jaallannee fi Tujubee tu dhiheessa.