Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Sudaan Kibbaa Balaaf Saaxilaman: Angawoota Tokkummaa Mootummootaa


Ijoolleen Sudaan Kibbaa Balaaf Saaxilaman: Angawoota Tokkummaa Mootummootaa
Ijoolleen Sudaan Kibbaa Balaaf Saaxilaman: Angawoota Tokkummaa Mootummootaa

Ijoolleen Sudaan kibbaa miliyoona tokkoo ol ta’an, hookkara Sudaan Kibbaa hammaataa dhufe jalaa dheessanii biyyaa ennaa baqatan lakkoobsumti hagas ga’u immoo walitti bu’iinsa irraan kan ka’e biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa godaananiiru.

Lakkoobsi kun walitti bu’iinsi jiru ijoollee biyyattii keessaa hagam balaaf akka saaxile mul’isa jechuu dhaan biyyootii Afriikaa gama bahaa fi gama kibbaaf directora naannoo kan UNICEF kan ta’an Leila Pakkala beeksisaniiru.

Ijoolleen baqattootaa immoo keessumaa balaa kanaaf saaxilamuun hedduu kan nama jeequu jedhu direcotrri waajjira UNHCR kan Africa Valentin Tapsoba. Rakkoo baqattummaa kan Sudaan Kibbaa caalaa kan nama yaaddusuu hin jiru jedhu.

Jaarmoliin tokkummaa mootummootaa kanneen rakoo gargaarsa Sudan kibbaa keessaa adda durummaan irratti hojjetan ofii isaanif hanqinni maallaqaa isaan mudatee jira.

XS
SM
MD
LG