Xurree ittiin seenan

Breaking News

IOM  Itiyoophiyaa Keessatti Lammiwwan Qehee Ofii Irraa Buqqa’an Gad-dhaabuuf Gargaarsa Doolara Miliyoona Toorbaa Olii Gaafate


Dhaabbatti godaantootaa ka addunyaa ykn IOM lammiwwan Itiyoophiyaa sababaa walitti bu’insaa fi caamaan achuuma biyya ofii keessatti qe’e ofii irraa godaananiif gargaarsa lubbuu baraarsaa waliin ga’uuf kan oolu Doolaara Miliyoona 7.1 argachuuf iyyatee jira.

Waggoota kurna dabran keessa, dinagdeen Itiyoophiyaa daddaffiin guddataa ture. Qilleensa El-Niinoo, ka bara 2016 mudateen, goginsi waggaa shantama keessatti isa hamaa ta’e biyyattii dha’ee, guddina dinagdee ishee duubatti harkise. Uummantni biyyattii miliyoona kudhanii ol, gargaarsa nyaataa arjoomtota addunyaa irraa kennamutti hirkattuu tahe.

Bara dabres, roobni yeroo isaatti dhufuu hanqate. Tokkummaan Mootummootaa akka gabaasetti, uummatni biyyattii miliyoona tokkoo fi walakkaa tahu, kan Kibbaa fi Kibba-bahaa biyyattii keessa jiraatan beelaaf saaxilamuuf jira. Gargaarsa nyaataa isaan barbaachisa. Dubbi-himaan dhaabbata godaansaa ka Tokkummaa Mootummootaa, Jo’el Milmaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, ka guddina dinagdee Itiyoophiyaa waggootaaf galmaa’e gargalchuuf deemu, dhiibbaa goginsaa kana gad-xiqqeessuun baay’ee barbaachisaa akka tahe hubachiisan.

“Akka ilaalcha kiyyaatti carraaqqiin barbaachisaan godhamuu qabu, bakka danda’ametti uummata gara qehee isaaniitti deebisuu dha. Mala ittiin oomisha isaanii oolfatanii fi waan akka bishaan boollaa faa uumuudhan. Qonnaan isaanii akka tasgabbeessuu. Kun waan baay’ee barbaachisaa dha. Sababaan isaa, naannoolee bal’amoo tahan kana keessatti, waan baay’een dinagdeen isaanii fi galiin maatii isaanii akka hin kufne taasisuu irratti hundaawa,” jedhan Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

IOM  Itiyoophiyaa Keessatti Lammiwwan Qehee Ofii Irraa Buqqa’an Gad-dhaabuuf Gargaarsa Doolara Miliyoona Toorbaa Olii Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:47 0:00

XS
SM
MD
LG