Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Itiyoophiyaa Keessaa Furuun Humna Biyyatiiti Ol Miti: IGAD


Ambaasaaddor Ma’haabuu Ma’aaliim
Ambaasaaddor Ma’haabuu Ma’aaliim

Ithiyoopiyaan kan ofii ishee hooggantu IGAD haala yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’ataa jiru irratti ejjennoo inni calaqqise hin jiru.

Kan aangoo gad dhiisuuf xalayaa galfatan H/Maariyaam Dessaaleny waaltaa gaanfa Afriikaa kanaaf dura taa’aa dha.

Hariiroon waaltaa kana waliin jiru cimaa ta’u illee waa’ee siyaasa Itiyoophiyaa ilaalchisee yaada tokko iyyuu kennee hin beeku.

Barreessaa muummichi IGAD Ambaasaaddor Ma’haabuu Ma’aaliim VOAf akka ibsanitti garuu hoogganoonni biyyattii ofii isaanii rakkoo jiru furuuf hojjetaa jira jedhan.

Daangaa bulchiinsa somaalee fi Oromiyaa irraa uummata miliyoona tokkotti hedamutu qe’ee ofii irraa buqa’e. walitti bu’iinsa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti uumameenis lubbuun namoota hedduu baduun, walitti bu’iinsi irra deddeebi’uun uumamaa jiraachuun ifaa dha.

Mootummaan Itiyoophiyaa ofii isaatii labsii yeroo muddamaa kan labseefis seera idileen rakkoon jiru furamuu hin danda’amne jechuu dhaani.

Diplomaasii akeekkachiisaa kan utuu walitti bu’iinsi hin uumaminii fi ittisa isaa irratti kan fuuleffatee fi damee naga eegumsa adda addaa irratti kan hojjetu IGAD akka jedhutti garuu, haalawwan Itiyoophiyaa keessatti mul’atan, jidduu seeninsa naannoo ykn deggersa kan barbaadan miti.

Lammii Keeniyaa kan ta’an diplomaatichi gameessii fi muummichi barreessaan dhaaba kanaa ambaasaadder Ma’haabuu Ma’aaliim VOAf kan ibsanis isuma kana.

Sochiin kam iyyuu kan nageenya naannoo kanaaf rakkoo uumu martinuu nu yaaddessa. Sanaaf shakkiin hin jiru. garuu biyyi hundumtuu mala sana dura ittiin dhaabachuu danda’u maal akka ta’e murteessuu qabna. Gama Itiyoophiyaatiin kun siyaasa paartii akka ta’e beekna. Kanaaf akkan gabaasa qabuutti, sababaan isaas itti dhiyeenyaan hordofaa hin jiru, paartiin biyya bulchu kan Itiyoophiyaa kana gad taa’ee irratti mari’ataa jira jedhan.

Kanaaf jedhan ambaasaaderichi, dura taa’aa IGAD kan ta’an kabajamoo obbo H/Mariyaam bu’aa isaan buusan arginee jirra. “Dhimmootii siyaasaa irratti dubbataa jirru qabna, kanaaf immoo qaama furmaata Sanaa ta’uun fedha jechuu dhaan TV addunyaa irratti dhiyaachuun dubbataniiru” jedhan. jechi isaanii kun hedduu na ajaa’ibe. Kun rakkoolee furuuf dandeettiin hooggana cimaan kan ittiin mul’ate jedhan. kanaaf rakkoo Itiyoophiyaa keessaa furuun dandeettii biyyattii ol miti jedhan ambaasaadderichi.

IGAD, gamtaa Awrooppaa fi dhaaba misooma Austriyaa waliin sagantaalee hojii irra jiran kan deggeru walii galtee Euro miliyoona 42 ka mallatteesse ta’uu ambaasaaddor Maa’iliim ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG