Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walga’iin ADWUI  Filannoo Dura-taa’aa Isaa fi Muumicha-ministaraa Torban Kana Keessa Fixachuu Hin Dandeenye


Eega jalqabamee guyyaa sadaffaa ka qabatee jiru, walga’iin ADWUI yokaan EHADEG guyyoota torban kanaa keessatti kan hin xumuramne tahuu maddeen paartichaa gabaasaa keenyaaf mirkaneessanii jiran.

Galmee fi gabaasaa koreen hoji raaw’achiistuu dhiheesse irratti mariin geggeessamu har’a itti fufuu ka dubbatan – maddeen EHADEG, galmeen sun bal’aa waan taheef marii irratti geggeessamu yeroo gabaabaa keessatti xumuruun hin danda’amne, jedhu.

Dura-taa’aa paartichaa fi muummichi-ministaraa kan itti-aanee hoogganu filachuunis akkasuma akka gara fuul-duraatti butamuuf deemu dubbatan. Walga’ii kana irratti kan caalaatti ilaalcha hawate ajandaa taheyyuu, filannoo kanaaf guyyaan muramee kenname hin jiru.

Filannoon dura-taa’aa EHADEG, Kamisa har’aa waaree booda irraa jalqabee, guyyaa kam iyyuu akka geggeessamuu malu dubbatamee ture. Maddeen deemsa walga’ichaa ilaaluun, gabaasaa keenyaaf odeeffannoo kennan garuu, boor illee akka tahuu hin dandeenye dubbatan. Guyyoota lameen dhuma torban kanaa irra jiran jechuun Sanbata yokaan Dilbata akka filannoon dura-taa’aa EHADEG kun geggeessamu eeran.

Dura-taa’aa EHADEG fi muummicha-ministaraa biyyattii eenyu akka tahu malu, haga ammaatti waan mirkaneeffamee himame hin jiru. Filannoo kana irratti, miseensota mana-maree EHADEG 180 tu sagalee kennee filata. Paartiilee miseensota gamtaa EHADEG tahan afuran irraa mata mataatti bakka-bu’oonni afurtamii-shan walitti-dhufanii sagalee dhibba tokkoo fi saddeettama tahan jechuu dha.

Dura-taa’aa EHADEG fi Muummichi-ministaraa eenyu akka tahu kan ammaan dura walga’ii taa’ee ture – koreen hoji raaw’achiistuu EEHADEG kallattii agarsiisuu isaa dubbatu – xiinxaltoonni. Xiinxatoonni kun akka jedhanitti, kan Dhaabbata Diimookiraatawa Uummata Oromoo irraa tahan Dr. Abiyyi Ahmed fi kan BA’AADEN irraa tahan, Obbo Dammeqee Mekonnin keessaa tokko tahuu malu, jedhu. Maddeen paartichaa garuu, eenya akka tahuu danda’u akka quba hin qabnee fi tilmaamuun akka hin danda’amne dubbatan, jedha Eskindir Firew, Finfinnee irraa.

Dhaggeeffadhaa

Walga’iin ADWUI  Filannoo Dura-taa’aa Isaa fi Muumicha-ministaraa Torban Kana Keessa Fixachuu Hin Dandeenye
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:23 0:00

XS
SM
MD
LG