Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamtoonni 528 Lenjii Haaromsaa Guyyaa Lamaa Booda Gadhiifamu: Abbaa Alangaa Mummicha


Abbaa Alangaa Mummicha, Obbo Getaachoo Ambaayee (Suuraa Faayilii)
Abbaa Alangaa Mummicha, Obbo Getaachoo Ambaayee (Suuraa Faayilii)

Abba Alangaa Mummicha kan Federaalaa Obbo Getaachoo Ambaayee ulagaa ka’aman arfan irratti hunda’auun himatamtoonni 115 sadarkaa Federaalaatti akkasumas kanneen biroon 413 bulchiinsa nannoo uummattoota Kibbaa irraa himannaan isaanii marsaa duraa irratti akka addaan cite ibsan.

Ulaagaan ka’aman arfan Kunis 1ffaa, rakkoo uumamee keessatti lubbuu namaa kan hin galaafanne akkasumas midhaa qaamaa olaanaa kan hin geesiifne. 2ffaa, bu’uura dinagdee gurguddaa mancaasuu keessatti kallattiin kan hin hirmaannee ykn gocha kana kan hin gaggeesine. 3ffaa, heeraa fi mootummaa heera irratti hundaa’ee humnaan kuffisuuf sochii ta’e keessatti hoggantummaan irra deddebi’ee kan hin hirmaanne. 4ffaa, mootummaan waan hojjachuu qabu ituu hin hojjatiin hafuu isaan kan ka’e kaayyoo fi fedhii kanneen biroon kakaafamanii kanneen keessatti himataman carraa ba’u marsaa kanaa argatanii jiru.

Ulaagaan kun kanneen bulchiinsa naannoo adda addaa keessatti hidhamanii jiraniifis kan hojjatu ta’uun ibsamee jira. Deemsii hidhamtoota gadhisuu kun ammaa kaasee haala walitti fufiinsa qabuun baatilee lamaaf kan itti fufuu ta’uun ibsamee jira.

Dhimma hidhamtoota oromiyaa keessaa kan ilaaleen biroon haqaa oromiyaa qophiitti akka jiru ibsee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa.

Shakkamtoonni 528 Lenjii Haaromsaa Guyyaa Lamaa Booda Gadhiifamu: Abbaa Alangaa Mummicha
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:38 0:00

XS
SM
MD
LG