Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiramnii Qilleensaa Ilaalcha Hatattamaa Argachuu Qaba: Kamaalaa Haariis 


Itti aantuu prezidaantii Yunaaytid Isteets, Kamaalaa Haariis (suuraa faayilii)
Itti aantuu prezidaantii Yunaaytid Isteets, Kamaalaa Haariis (suuraa faayilii)

Karoorrii caasaalee gurguddoo kan prezidaant Baaydiin kongreesnii akka raggaasisuu fedhan dhimmi bu’uraa kan ta’e hanqiina bishaanii jijjiirama qilleensaa waliin hidhata qabu ta’u isaa itti aantuu prezidaantiin Yunaaytid Isteets Kamaalaa Haaris ibsanii jiru.

Haariis kana kan dubbatan Wiixata kaleessaa hara(haroo) Miid kan nam tolchee ta’e fi kuusaa bishaanii qabu, naannoo qumaara itti taphtanii fi daawwattonni itti heddumaatan Laas Veegas Nevaadaa jiru yeroo dawwatanti ture.

Kuufamnii kun kutaalee Yunaaytiid Istees 7 fi meeksiikoo Kaabaa keessa uummata jiraatan kanneen Miliyoona 40 caalaniif, tajaajiila bishaan dhugaatii fi madda eleektrikaa ta’uun gargaara.

Mootummaan Yunaaytid Istees yeroo jalqabaaf baatii Hagayya keessa hanqiinni bishaanii Haroo Miid akka mudatee ibse. Kunis aangawoonni bara dhufuuf uummanni Navaadaa, Arizoonaa fi Meeksiikoo keessatti dabareen bishaan akka argatu taasisuuf dirqisiisee.

Yeroo dawwannaa isaanii kanattis Haariis caasaa invastmeentii fi carraa hojiif kan ooluu Doolaara Biliyoona 500 fi Biliyoona 50 kan jalqaba waggaa irratti prezidaant Baaydiin fi seeneetaroota paartilee lameen giddutti tolfame jajjabeessan.

XS
SM
MD
LG