Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Adda Bilisummaa Oromoo Har’a Finfinnee Seene


Jilli Adda Bilisummaa Oromoo Har’a Finfinnee Seene
Jilli Adda Bilisummaa Oromoo Har’a Finfinnee Seene

Jilli adda bilisummaa Ormoo miseensa koree giddu galaa fi dubbi himaa dhaabichaa obbo Toleeraa Adabaan dursamu har’a Finfinnee seenee jira.

Jilli kun biyyatti kan deebi’e walii galtee Hagaya 7 bara 2018 mootummaa Itiyoophiyaaf dhaabicha gidduutti irra ga’ameen booda.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi ABOn walii galtee araaraa kan mallatteessan torban darbe Asmaraatti ture.

Walii galteen sun kan irra ga’ame pezidaantii bulchiinsa naannoo Oromiyaa Lammaa Magarsaa fi dura taa’aa ABO Daawud Ibsaa gidduutti. Walii galteen sun itti dabaluun ABOn hojii isaa kan siyaasaa karaa nagaa Itiyoophiyaa keessatti geggeessuu itti fufa jedha.

XS
SM
MD
LG