Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamtoonni Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Duula Filannoo Dhumaa Geggeessaa Oolan 


Kaadhimamtoonni prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis kanneen nama filatan hin murteessin jiran amansiisuuf har’a guyyaa dhumaa duula geggeessaa jiran. Prezidaant Doonaald Tramp fi itti aanaa prezidaantiin duraanii Joo Baayiden kutaalee adda addaa keessumaa kanneen filannoo Kibxata boriif barbaachisaa ta’an keessatti duula filannoo geggeessaa jiran.

Lamaan isaaniif bakki irratti fuuleffatan kutaa Pennsylvaaniyaa yoo ta’u yaada uummataa dhiyeenyaa walitti qabameen Baayiden dursaa jiran, bara 2016 keessa garuu Trampitu injifate. Namni kutaa Pennsylvaaniyaa injifate sagalee filannoo calaluuf murteessaa ta’e 270 keessaa 20 argata.

Ba’iin filannoo hanga xumura torbaniitti hin beekamu. Waggaa kana yoo xiqqaate uummanni miliyoonni 94 hanga kaleessa galgalaatti dursanii sagalee kan kennan yoo ta’u sababaa soda koronaaf jecha hedduun sagalee poostaan ergamee kutaalee hanga tokko keessatti laka’uun yeroo fudhachuu mala.

Tramp manni murtii ol aanaan sagaleen poostaa dhaan ergame hanga guyyaa filannoo qabee ergmetti yoo ta’e laka’amuu hin danda’a kan jedhe qeeqanii jiran. Akkuma kana dura himataa turan irra deebi’uu dhaan kaleessas filannoon waliin dha’amuu mala jedhan.

Filannnoon Yunaayitid Isteetis sagalee uummataa irra jireessaan hin murteeffamu. Miseensota sagaglee filannoo calalan 538 keessaa nama sgalee miseensota 270 argatetu prezidaantummaa injifata.

Filannoo prezidaantummaatti dabaluu dhaan uummatii sagalee keennu miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa 435, barchuma senetii 100 keessaa 35 akkasumas bulchitoota kutaalee biyyaa 11 filachuuf sagalee kennuuf jira.

XS
SM
MD
LG