Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filanno Aljeeriyaa Irratti Nama Xiqqootu Hirmaate 


Mootummaan Aljeriyaa namoonni heddumminaan ba’anii sagalee akka kennan jajjabeessu iyyuu referendumiif sagalee kennameef ummata biyyattii 4 keessaa 1 waan ta’antu irratti hirmaate.

Prezidaant Abdilmajiid Teboonee fi waraanni isaanii cimoo ta’an sababaa aarii uummataa mormii ummataa kaasee waggaa tokko oliif tureef hiika ta’a kan jedhuun heera isa haaraa baasanii jiran.

Ba’iin murtii uummataa har’a beeksisama jedhamee eegama. Haa ta’u malee Dilbata kaleessaa uummati ba’ee filate dhibba irraa harka 23.7 ta’uu qaamotiin filannoo kan beeksisan yoo ta’u miseensonni mormii geggeeffamee garuu sochii isaanii danquuf ofumaa kan geggeessame jechuu dhaan sagalee kenname sana fudhatama dhabsiisan.

Weerarri koronaa tarii sagalee kennuu sana kan danqe yoo ta’u sambata darbe Aljeeriyaa keessaa namoonni 300 haaraa vaayiresichaan qabamaniiru.

Heerri inni haaraan yeroo marsaa hojii prezidaantii dabalatee paarlaamaaf waaltaa murtii haqaa fi humna dabalataa akka qabaatu godha. Haa ta’u malee waraanni biyyattii siyaasa Aljeeriyaa keessatti humna jabaa kan qabu yoo ta’u erga Tibooneen filatamanii qabee garuu hagas hin beekamu.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG