Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezedent Keeniyaattaan Weerarri COVID – 19 Keeniyaa Keessatti ‘Gad Bu’uuf Jira’ Jedhan


Pirezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa tarkaanfii mootummaan isaanii baballina Kooronaa ittisuuf fudhate fooyya’aadha jedhan.

Pirezdent Keeniyaattaan anagawoota mootummaa isaanii waliin kaleessa haala tatamsa’ina dhibee Kooronaa biyya isaaniirratti maree gaggeessanii jiru.

Pirezedent Keeniyaattaan Weerarri COVID – 19 Keeniyaa Keessatti ‘Gad Bu’uuf Jira’ Jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:13 0:00

Maree isaanii kana gubbaatti Keeniyaattaan dhibeen kun walii galaan Keeniyaaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafachuu dhabuunsaa eeggannoo mootummaa tiin ykn sababa maal akka ta’e akka qoratamu ajajanii jiru.

Keeniyaattaan lammileen biyyattii tatamsa’ina dhibee kanaa akka eeggatan akeekakchiisanii, Ministeerrii Fayyaa Keeniyaas baasii dhibee kanaan wal qabatee baasu kamuu Fuula Interneetiirratti bifa ifaa fi bilisa ta’een akka maxxansu ajajanii jiru. Dhiyeenya kana Ministeerri Fayyaa keeniyaa maallaqa dhibee kana ittisuuf jedhame seeraan ala balleesseera jechaan ka qeeqamaa ture yoo tahu; anagawi olaanaa Waajjira Ministeerichaas Koree miseensota paarlaamaa duratti dhiyaatanii qarshii bade jedhame waansaa akka ibsan gaafatamaniiru.

Kaayl Makaarter; Keeniyaatti Ambaasaadderri US ajaja Keeniyaattaa kana jajan. Ambaasaadder Makaarter, ajaji kun iftoominaaf, lammilee biyyattii maras fayyadamoo taasisuuf dansa jedhan.

Ganna sadii dura Caamsa bara 2017, Yuunaaytid Isteetis gargaarsa doolaara miiliyeena 21 ka Keeniyaaf kennuuf turte sababa malaammaltummaa haquunshee ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG