Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaatti Barattoonni Muraasni Mana Barnootaatti Deebi’an


Ji’a ja’aan booda keeniyaatti barattoonni muraasni mana barnootaatti deebi’anii jiru. Ministeerri Barnootaa biyyattii harra, barattoonni kutaa 4, 8 fi 12 barnoota akka jalqaban ka taasise yoo tahu, manneen barnootaas giddu gala tatamsayina vaayresii Kooronaa akka hin taane to’annoon gaggeeffamuu akka qabu akeekkachiise.

Keeniyaatti Barattoonni Muraasni Mana Barnootaatti Deebi’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:04 0:00

Ministirri Barnoota Keeniyaa Joorj Magoohaa harra turtii ji’a jahaa booda manneen barnootaa Keeniyaa keessa jiran akka banaman ajajanii jiru. Kanaanis ji’a jahaaf cufamanii ka turan manneen barnootaa biyyattii banamanii akka barattoota simatan, barsiisonnis barattoota kana akka to’atan qajeelfama dabarsani.

Magoohaan, manneen barnootaatti barattoonni qaamaan walirraa hiiqanii akka baratan taasisuun rakkisaa tahuu himanii, yoo barsiisonni kana hordofan ijoollee mana barnootaatti erguu nun dhowwu jedhan. Dabalaniis ijoolleen ofitti amanamummaan akka barnoota itti fufan, barattoota warra manatti hafanis murtee kanarratti hundaawuun misteerri barnootaa biyyattii dhiyootti barnootatti deebisa jedhan.

Amma manneen barnootaa barattootaaf, bakka harkatti dhiqatan akka qopheessan, maatiin ammo waan ijoolleen afaa ni funyaan ittiin ukkamsatan akka qopheeffatan ajajanii, ji’oottan darban barattoonni karaa interneet, raadiyoo fi tv barnoota hin hordofin, kan kaffaltii dhabanis loogii male barnootatti deebi’uu akka qaban eeran.

Karoorri Ministeerri Barnootaa Keeniyaa qopheesse sadaasa 2 bara 2020 kaasee barattoonni martuu barnootarratti argamuu qabu.

XS
SM
MD
LG