Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Yeroo Ammaa Oromiyaa Mudate Furuuf Mootummaan Cehumsaa Oromiyaa Hunda Hammate Akka Hundeessamu Waamicha Dhiheessan, Obbo Daawud Ibsaa


Rakkoo Yeroo Ammaa Oromiyaa Mudate Furuuf Mootummaan Cehumsaa Oromiyaa Hunda Hammate Akka Hundeessamu Waamicha Dhiheessan, Obbo Daawud Ibsaa
Rakkoo Yeroo Ammaa Oromiyaa Mudate Furuuf Mootummaan Cehumsaa Oromiyaa Hunda Hammate Akka Hundeessamu Waamicha Dhiheessan, Obbo Daawud Ibsaa

"Rakkoo raafama siyaasaa fi olaantummaa seeraa Oromiyaa keessatti uumama jiru furuuf jecha Mootummaa cehumisaa biyyaleessa Oromiyaa bu'uureessun baribaachisaadha," jedhan Hayyuu Duree ABO akka tahan eeruun kan ibsa kennan – Obbo Daawud Ibsaa.

Gama biraatiin, garee itti-aanaa Hayyu-duree Obbo Araarsoo Biqilaatiin hoogganamu irraa itti-gaafatamaa Sabqunnamtii ABO akka tahanitti ka dubbatan - Obbo qajeelaa Mardasaa ammoo kun labsii seera dhaabichaatiin ala labsame jedhanii jiru. Paartii Badhaadhinaas ibsicha irratti yaada gama isaa kennee jira.

Garee hoogganna ABO – hayyu-duree dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaan hoogganamuu fi garee itti-aanaa hayyu-duree dhaabichaa – Obbo Araarsoo Biqilaa gidduutti wal-dhibdee uumameen, gareen lameenuu inni tokko isa kaan hojii irraa ugguruu ibsee iyyannoo itti galfachuu isaa kan dubbate – Boordiin filannoo Itiyoophiyaa, dhimma kanatti murtii xumuraa kennuuf jecha, Obbo Daawud Ibsaa faa irraa kan filatamu nama tokko, akkasumas, Obbo Araarsoo Biqilaa faa irraa kan filatamu nam tokkoo fi kan bakka-buutota lameen walitti-qabuun hoogganu – ogeessa ka biraa Boordiin filannoo ramadu ta’anii kora ogeeyyii kan yeroofii tolchuun dhimmicha ququlleessan, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Fulbaana 28, bara 2013 walga’ii taa’een murteessuu isaa beeksisee jira.

Namoonni lamaan gam lamaanii filatamanii fi ogeessi boordichi ramadu eega dhimmicha qulqulleessanii booda gabaasaa dhiheessan irratti hundaa’uun akka murtii xumuraa kennus hubachiisee jira – Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa.

Gabaasaa guutuu caqasaa



XS
SM
MD
LG