Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baayyinni Namoota Addunyaa Irratti Vaayrasii Koronaatin Qamabanii Miliyoona 36 Darbe


Addunyaa irratti yeroo ammaa lakkoobsi namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamee miliyoona 36 ol tahee jira. Akka qorannoo Yunivarsitii Joonsi Hoopkiinsiin walitti qabameetti, lakkoobsi namoota haga ammaa vaayirasichaan qabamee guutummaa miliyoona 36 fi kuma 166 fi 574 tahuun beekamee jira.

Lakkoobsi kun kanneen vaayirasichaan du’an namoota miliyoona tokkoo ol dabalatee jechuu dha.

Yunaayitid Isteetis, kan namoonni miliyoona toobaa fi walakkaan keessatti vaayiresichaan qabamanii fi gara kuma 212 keessatti lubbuu dhabanitti aantee kan jirtu lakkoobsa namoota qabamaniin Hindii dha.

Miliyoona 6 fi kuma dhibba 8 tu vaayiresichaan qabame. Lakkoobsa namoota du’aniin immoo Biraazil. Kuma dhibba 1 fi kuma 48 tu vaayiresichaan dhume. Indiin du’a namaan sadaffaa dha. Kuma dhibba 1 fi kuma 5.

XS
SM
MD
LG