Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinerri Ol Aanaan Dhimma Baqattootaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Gaanfa Afriikaa Daawwatan


Guyyaan baqattoota addunyaa yeroo kabajamu torban kana komiishineerri ol aanaan dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa Filiippoo Graandii gaanfa Afriikaa daawwatanii jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:25 0:00

Guyyaan baqattoota addunyaa yeroo kabajamu torban kana komiishineerri ol aanaan dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa Filiippoo Graandii gaanfa Afriikaa daawwatanii jiran

Guyyaan baqattoota addunyaa yeroo kabajamu torban kana komiishineerri ol aanaan dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa Filiippoo Graandii gaanfa Afriikaa daawwatanii jiran.

Qiiyyaafanni isaanii ijoon illee Sudaan Kibba ti. Guyyaa baqattoota addunyaa baqattoota Sudaan Kibbaa kanneen Gambeela jiran waliin kan kabajan komiishinerichi, Sudaan Kibbaas daawwataniiru.

Har’a ibsa Finfinnee keessatti kennaniinis haalli Afriikaa ishee haarawaa keessa jiru yaaddessaa ta’uu dubbatan.

Filiippoon akka jedhanitti gara Gambeelaa kan ani dhufe Juubaa irraa ti. Sudaan Kibbaa keessa guyyoota lamaaf walakkaa tureen asitti qajeele. Amma iyyuu gamas nagaan hin jiru. Lammiiwwan Sudaan Kibbaa miliyoona 12 ol ta’an keessaa kanneen miliyoona afur ta’an biyyaa baataniiru, ykn biyyuma ofii keessatti qe’ee ofii irraa buqqa’aniiru jedhan.

Kanaaf hoogganni Sudaan Kibbaa tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuu qaba kan jedhan komiishinerichi haalli biyyattii keessa jiru attam ariifachiisaa akka ta’e cimsee yaadachiisuun barbaada jedhan. Tattaaffiiwwan godhamuu qabanis marii biyyoolessaa, qophee filannoo akkasumas gareelee adda addaa dhaqqabuun hirmaachisuu dha jedhan.

Prezidaant Saalvaa Kiir adeemsa nageenyaa hunda hirmaachiseef tattaaffii akka godhan natti himaniiru kan jedhan komiishineer Fliippoon, hunda kan hirmaachise jechuun dhuguma hunda kan himaachise ta’a jedheen abdadha jedhan.

XS
SM
MD
LG