Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-muddinsa Daangaa Ertiraa fi Jabuuti Laalchisee Tokkummaan Mootummootaa Tasgabii Gaafachaa jira


Wal-muddinsa Daangaa Ertiraa fi Jabuuti Laalchisee Tokkummaan Mootummootaa Tasgabii Gaafachaa jira
Wal-muddinsa Daangaa Ertiraa fi Jabuuti Laalchisee Tokkummaan Mootummootaa Tasgabii Gaafachaa jira

Biyyoota lameen gidduutti wal-gaarerfannaa fi muddinsi ka’uun isaa, eega humni naga-eegumsaa – ka loltoota Qaataar 450 of keessaa qabu, torban dabre daangaa sana gad-lakkisee ba’ee booda – jedhama.

Daangaa Ertiraa fi Jabuutii irratti eega wal-muddinsi uumamee booda, Tokkummaan Mootummootaa akka gam-lameenii of qusannaan fudhatamuu fi tasgabiin bu’u gaafatee jira.

Biyyoota lameen gidduutti wal-gaarerfannaa fi muddinsi ka’uun isaa, eega humni naga-eegumsaa – ka loltoota Qaataar 450 of keessaa qabu, torban dabre daangaa sana gad-lakkisee ba’ee booda – jedhama.

Itiyoophiyaatti, Ambaasaaddarri Jabuutii – “eega humnoonni naga-eegumsaa sun gad-lakkisanii ba’anii booda, Ertiraan lafa daangaa irraa wal-falmsiisaa tahe – Raas Dumee-iraa qabachuuf loltoota ishee bobbaafte” – jechuun balaaleffatan. Yoo kun dhugaa tahe, wal-waraansa biyyoota lameen gidduutti, bara 2008 geggeessamee ture deebisuu mala – jedhamee sodaatama.

Tahus, Ertiraan, balaaleffannaa kanaaf haga ammaatti deebii hin kennine.

Bakka-bu’aa dhaabbataan muummicha-barreessaa Tokkummaa Mootummootaa – Saachaa Serjihoo Loorentii Sooiiz, har’a ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, gareen dhimma kana qoratu, Gamtaa Afrikaa irraa akka gara sanatti bobbaasamnuuf jiru eerganii, Tokkummaan Mootummootaas ka Gamtaa Afrikaa gargaaruun hojjetu ta’uu hubachiisan.

Wal-muddinsa Daangaa Ertiraa fi Jabuuti Laalchisee Tokkummaan Mootummootaa Tasgabii Gaafachaa jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:41 0:00

XS
SM
MD
LG