Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Alangaa Federaalaa Mormii Abukaatoon Dr. Mararaa Dhiyeessan Hin Simadhu Jedhe


 Dr. Mararaa Guddinaa, miseensotaa fi deeggartoota paartii siyaasaa, Koongiresa Federaalawa Oromoo duula nafiladhaa irratti
Dr. Mararaa Guddinaa, miseensotaa fi deeggartoota paartii siyaasaa, Koongiresa Federaalawa Oromoo duula nafiladhaa irratti
Abbaan Alangaa Federaalaa Mormii Abukaatoon Dr. Mararaa Dhiyeessan Hin Simadhu Jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:56 0:00

Abbaan alangaa mana murtii walii galaa mormii itti dabalaa abukaatoleen Dr. Mararaa Guddinaa dhiyeessan tumaa seera sirna yakkaa kan hordofe miti jedhe.

Manni murtiis akkuma kanaan fudhatama akka dhabsiisu iyyate. Ragaa inni himatamaa irratti dhiyeesses ka sirnaa ti jechuun falme. Manni murtiis murtii kennuuf beellama ka biroo kenne.

Beellama kana duraatiin abukaatooleen Dr. Mararaa kan dhiyeessan mormii himannaa, abbaan alangaa Federaalaa cimsee mormee jira.

Abbaan alangaa mana murtiif barreeffamaan deebii kenneen abukaatoleen himatamaa maamila isaanii irratti himannaa dhiyaateef mormii ennaa dhiyeessan yeroo sadaffaa dha jedha.

Kun immoo akka tuma seera sirna yakkaatti sirrii waan hin ta’iniif manni murtichaa mormii sana nuuf haa hambisu jechuu dhaan abbaan alangaa gaafatee jira.

Abbaan alangaa itti dabaluu dhaan manni murtichaa kanas hin simatu yoo ta’e qabxii ittiin falmu ka biroo kan qabu ta’uu ibsuu dhaan himannaa inni dhiyeesse yaalii hookkaraaf walii galuu ta’uu isaa yaadachiisee jira.

Kanaaf jecha walii galteen hookkaraa akka seera yakkaa sana irra taa’ee jirutti kan wal fakkaatu waan ta’eef jecha hiamatamoonni 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaan jechuun Dr. Mararaa Guddinaa, Professor Biraanuu Naggaa fi obbo Jawaar Mohaammed ESAT fi OMN jechuun himatamtoota 4ffaa fi 5ffaa waliin hariiroo fi tokkummaa isaan qaban ragaa agarsiisu ka dhiyeesse, aangoo seeraan kan kennameef tajaajila biyyoolessaa, ragaa fi nageenyaan ta’uu mirkaneessee, ragaa fudhatama qabu jedhee jira.

Abukaatoleen Dr. Mararaa dhaddacha duraanii irratti kan dhiyeessan himannaan sun akka seera farra shororkeessummaatti kan hin dhiyaanne waan ta’eef galmee abbaa alangaa irra taa’ee akka jirutti ragaan lama kan argaman yakka shorokeessummaan shakkamanii kan qabaman irraa kan argamu ta’uu isaaf mul’inatti waan argamuuf ragaaleen sun maamila isaanii irratti akka hin dhiyaanne ajaja akka kennuuf mana murtichaa gaaftanii turan.

Manni murtichaa dhimma sana irratti murtii kennuuf Waxabajjii 30 bara 2009tti beellama kenneera.

Abbaan alangaa beellama dhaddachaa kana duraa irratti manni murtii akka ajajetti himatamtoota 4ffaa fi 5ffaa jechuunis ESAT fi OMN gama ilaaleen himannaa sana fooyyessee dhiyeessuu isaa har’a manni murtichaa beeksiseera.

Baatilee hanga tokko dura abbaan alangaa dura taa’aa Kongresii Federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa, Professor Biraanuu Naggaa fi Obbo Jawaar Mohaammed ESAT fi OMN irratti himannaa dhiyeessee jira. Kan Dr.Mararaatiin ala dhimmi kanneen biroo bakka isaan hin jiraannetti kan ilaalamu ta’uun ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG