Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Qindeessituu Simannaa Dr. Abiy Kan LA Komee Dhiyeesse


Muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy simachuuf jecha lammiiwwan Itiyoophiyaa kumaan laka’aman LA keessatti wal ga’anii jiran.

Wal ga’iin uummataa kun kan qindeeffame waajjira Qoonsilaa Itiyoophiyaa gamasitti argamuu fi jiraattota magaalaa LAn ture.

Miseensonni qindeessa koree kanaa marii afeerraa irbaataa irratti geggeessamu irratti akka nuti hin hirmaanne shirri xaxameera, namoonni waajjira qonsiilaatti dhiyaatan filatamanii akka ol seenan taasisameera, koree sana keessa ennaa turrettis dhiibbaan nu irratti raawwatameera jechuun komee dhiyeessaniiru.

Tikeetii ittiin ol seenan raabsuu irratti illee shirri hojjetameera jedhu. Uummatichi eessa dhaqee tikeetii ittiin seenu akka argatu illee yeroon itti hin himamne.

Miseensonni koree qindeessitootaa hiraarsa nu irra ga’e jedhan kanaaf itti gaafatamaan waajjira qonsilaa fi dura ta’aan koree Sanaa obbo Biraanee Kidaane Maariyaam rakkoo uumameef gadda itti dhaga’ame ibsanii maqaa waajjira isaaniin dhiifama gaafataniiru jedha Odu gabaasaan VOA Daani’el Argaw LA irraa.

XS
SM
MD
LG