Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Ajjeefamanii 54 Ta'u Nutti Himan: Amnestii


Godiina Wallaggaa Dhiyaa aanaa Gullisoo ganda Gawaa Gaanqaa keessa jiraataa kan turan dhalattonni Amaaraa 54 mana barumsaa tokko keessatti hidhattotaan ajjeefamuu gareen mirga dhala namaaf falmuu Amnestii Intarnaashinaal kaleessa ibsee jira.

Namota ijaan argan akkasumas haleellaa kana jalaa hafantu reeffaa kana lakka'uu isaanii naa ibsee jedhee dabaluus mala jedhee Jarreen kunis Rasaasaa fi Bombiin ajjeefamuu naaf ibsan jedhee jira.

Raayyaan ittisa biyyaa Sambata dabree naannoo sana gadhisee eega ba'e booda WBOn to'atee akka ture, gaafa Dilbataa uummata mana barumsaa tokko keessatti walgahiif jedhee waamee akka tarkaanfii kana fudhate ta'u raga baatoota maqaa dhahuun gabaase.

Komishinarri polisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa sabaa himaa mootummaaf kaleessa ibsa kennaniin namoonni ajjeefaman 32 ta'u dubbatanii turan jechuun Xiyoon Girmaa gabaasteejirti.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG