Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammileen Sudaan Mootummaa Mormaa Jiru


Lamimileen biyya sudaan kumaan lakkawaman magaalaa kaartuum keessati hiriira mormii bahanii jiran. Sababinii hiriirichaa wagaa lamaan duraa waxabajii 3 ,2019 namootan demokiraasi fi haqaa gaafachuudhaaf waltajjiitti bahani turan irrattii ajjeechaa lolitootan raawwatame yaadachuudhaaf.

Namootan mormii sana irratii hirmataan keesaa tokko tokko akka jedhaniti ergaa ajeechaan sun rawwatamee as mootumaan waadaa seenee tookoyuu fiixaan akka hin baasne, warra yakka sana rawwatanis seeratii akka hin dhiyeesine dubbataniiru.

Jiraataa magaala Undurumaa kan ta’e Waaleed Ihaab akka dubbateeti yemuu mormii sana umnootiin tikaa rasaasaan miilaa isaa rukutan. Amma amaatii sababa sanaan dhukubsataa jiraachuu isaa fi Gargaarsaa tokkolee mootummaa irraa akka hin arganne dubbata.

Ihaab kun Akka gaazeexaa sudaan kibbatii South sudan post jedhamuti himetti, mootumaan ce’uumsaa sudaan dadhabaa waan ta’eef aangoo isaa warra biraatiif dabarsee kennuu qaba jedha.

Mootummaan kun eenyuunuu bakka hin bu’u. kanaaf akka inii deemu kan barbaannu. Warra lubbuu isaanii dhabaniif haqinii hin argamee. Diinagdeen biyyatii kufaa jira.mootummaan Rakkoo kaminuu hiikuu hin dandeenye jedha waaleed Ihaab.

Ajeechaan namootan taa’umsaan mormaa turaanii irratii magaala kaartumi fi bakkeewan birootti kan loltootaan raawwate ergaa prezidaantiin duraanii Ahimad Albashir aangoo gad dhiisanii booda. Tarkaanifii namootan hindhannoo hin qabne irratii fudhatameen namoonii 120 du’anii namoonii hedduun mada’aniiru.

Bara kanas ji’a ramaadaanaa darbe gafaa guyaa 29 namootan yaadannoo warren yemmuu sana du’aniif bahan irratii loltoonii dhukaasa bananii nama lama ajjeesanii 37 madeessaniiru.

XS
SM
MD
LG