Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Ministeerotaa Itiyoophiyaa Labsiin Yeroo Hatattamaa Akka Ka’u Murteessii Paarlaamaaf Dhiyeessuuf Jira


Qaama lammiiwwan garaa garaa biraa muummicha ministeerichaaf gaaffiin dhiyaataa ture deebii argachuuf jira. Sambata darbe dura taa’ummaa muummichi ministeraa Abiy Ahmediin wal ga’ii kan geggeesse manni maree ministeerotaa yaada murtii labsiin yeroo muddamaa akka ka’u gaafatu paarlaamaaf dhiyeessuuf walii galee jira.

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaa Guraandhala 9 bara 2010 labsiin mana maree ministeerotaan labsame kana ilaalchisee mootummaa dhuma keessatti iyyuu adda addummaa jiraachuun isaa kan ifa ta’e erga paarlaamaaf dhiyaatee booda.

Paarlaamaan labsii kana kan raggaasise mormii kana dura hin baratamin waliin ta’uun illee ni yaadatama.

Labsiin ji’a ja’aaf akka ture murtaa’e kun garuu ji’a afur illee utuu hin guutin ka’uuf jira.

Kan yaada murtii labsiin kun ka’uu gaafatu paarlaamaaf dhiyeessuuf walii gale manni maree ministeerotaa labsiin kun akka ka’u illee walii galtee irra ga’eera.

Manni maree kun wal ga’ii isaa kanaan haala nageenya biyyattii gamaaggamuun isaa ibsamee jira. Haalli nageenyaa-wayyaawaa ta’e uumamuu isaa, bulchiinsa sirna seeraa idileen geggeessuun danda’amuu isaa mirkaneeffateera jechuu dhaan waajjirri dhimmootii kominiskeeshinii mootummaa beeksiseera.

US dabalatee biyya keessaa fi alaa lammiiwwan gaafataa turan. keessummaa Dr. Abiy Ahmed erga aangootti dhufanii qabee dhiibbaan kun cimee itti fufe. Labsii yeroo muddamaa kana kaasuun hojii muummicha ministeeraa isa duraa ta’uu akka qabu kan gaafatan xiinxaltoonni siyaasaa, hoogganoonni garee mormituu fi kanneen yaada kennan hedduu turan.

Manni Maree Ministeerotaa Itiyoophiyaa Labsiin Yeroo Hatattamaa Akka Ka’u Murteessii Paarlaamaaf Dhiyeessuuf Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:01 0:00

XS
SM
MD
LG