Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mirgii Addaa Oromiyaan Finfinnee Irraa Qabdu Kan Ilaaleen Mariin Ummataa Waamamee Hin Milkaa’iin Hafee


Mirga addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu ilaalchisee ‘wixineen labsii’ Mana Maree Minsteerota Federaalaan qophaa’ee irratti manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Federaalaatti koreen dhaabbataa dhimmichi ilaalu marii uummataa (Public hearing) har’atti waamee ture hin milkaa’iin hafee jira.

Wixineen seeraa kun har’a haala akkasiin dhiyaachuu dura uummanni Oromoo dursee haga sadarkaa gadiitti irratti mari’achuu qabaa akkasumas yeroo ammaa kanatti dhimmi ilaalcha duraa kennamuufi qabu kana miti yaada jedhuun addaan yaa’an.

Kanneen marii uummataa kana irratti argaman keessaa ogeessa seeraa kan ta’an Obbo Batruu Dibaabaa fi gama mootummaa Federaalaa irraa koree dhaabbataa misooma magaalaa fi Ijaarsa manneeniif walitti qabaa ka ta’an obbo Fufii Dilgaasaa Waliin marii gaggeeffame caqasaa.

Mirgii Addaa Oromiyaan Finfinnee Irraa Qabdu Kan Ilaaleen Mariin Ummataa Waamamee Hin Milkaa’iin Hafee
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:34 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG