Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootichi Taayilaand Biyyi Isaanii Biyya Walii Galtee Ti Jedhan  


Sirna mootiin geggeessamuu Taayilaand dabalatee gaaffileen jijjiiramni siyaasaa fi hawaasummaa akka jiraatu mormiin gaafatu baatilee dhaaf geggeeffamaa jiru ilaalchisee mootichi Taayilaand biyyi isaanii biyya walii galtee ti jedhan.

Mootichi Mahaa Vajiraa-loong-kom yaada kana kan kennan caasaa oduu Briteen keessa maadheffateef yoo ta’u, ennaa sanatti isaanii fi giiftii Sutiidan mana mootummaa Baankook alatti sirna amantii erga geggeessanii booda deggertoota maatii moototaa fuullee darbanii jirna. Yaadi isaanii kunis gaaffii mootichi fedhii mormitootaa kan dhiibbaan sirna moototaa akka xiqqaauuf gaafataniif deebii dha.

Mootichi Mahaa Vajiraa-loong-kom gaaffi mormitoonni gaafataniif ennaa deebisan hunduma isaanii qixxee jaal’anna jechuu dhaan yeroo lama keessa deebi’an.

Baankook mootummaa sivilii bara 2014 keessa filatame aangoo irraa kaasuu dhaan kan aangoo dhuunfatan jeneraala waraanaa duraanii muummicha Ministeeraa Chaan-Ochaa aangoo akka gad dhiisan gaafachuun kan eegale hiriirri mormii geggeessamaa turee jira. Waggaa darbe filannoo sana injifatan, mormitoonni garuu waraanni seera jiru waan wixineesseef jecha waliin dha’amuun injifatan jedhu.

Hiriirri sun garuu itti dabaluu dhaan namoota Taayilaand beekamoo biratti Waaqa irraa akka kennametti kan laka’amuu fi waraana biraa deggersa guddaa kan qabu bulchiinsi sirna moototaas akka fooyyeffamu gaafata.

Hiriirtonni mormii embasii Jeman jiru fuulleetti hiriiruu dhaan mootummaan Jarman mootichi Vajiraaloong-koorn yeroo dheeraaf gamas ennaa turan hojii daldalaa geggeessaa turuu isaaniif galmeen isaanii kan dilaala mootummaa akka qoratamu gaafataniiru.

Mootichi murna waraanaa hanga tokko akkasumas maallaqa biliyoonaan laka’amu kan mana mootummaa ofii isaanii to’achu dhaan aangoo isaanii cimsataniiru.

XS
SM
MD
LG