Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Qawwee Hidhatan Yuniversitii Kaabul Keessatti Dhukaasa Banan 


Namoonni qawwee hidhatan hedduun har’a ganama Yuniversitii Kaabuul seenuu dhaan dhukaasa bananii jeequmni uumamuun barattoonni fi hojjettoonni miliquu yaalaa turan. Viidiyoon Tweeter TV Afgaanistan Tolo news jedhu irratti maxxanfame akka ibsutti waan uumame wal’aa’uu dhaan sagaleen dhukaasaa booda irraa dhaga’amaa barattoonni fiigaa turan.

Prefesserri maqaan akka hin tuqamne gaafatan tokko akka jedhanitti haalli jiru hedduu yaaddessaa dha. Martinuu fiigaa ture, anii fi barattoonni koos keellaa Yuniversitichaa dhiisnee ba’uu yaalle jedhan.

Humnootiin naga eegdotaa naannoo sana marsan. Konkolaattonni meeshaa waraanaa hedduu baatanis naannoo Yuniversitichaatti argamanii jiran. Dubbi himaan ministrii dhimmi biyyaa Tariiq Ariyaan akka jedhanitti humnootiin naga eegumsaa siivilota irra miidhaan akka hin geenye qalbii dhaan soss’aa turan jedhan. Kanneen ijaan argan akka jedhanitti namoota hidhannoo qaban hedduun barattoota mooraa Sanaa irratti dhukaasaa turaan. Ministriin dhimmi biyya keessaa namonin saddeetti madaa’uu mirkaneessee jira.

Gareen Taliban kan Afgaanistan keessaa haleellaa sanaaf itti gaafatama hin fudhadhu jedhe. Sababaan haleellaa Sanaa ifaa ta’uu baatus, guyyaan har’aa guyyaa exhibition kitaabaa Afgaanii fi Iraan itti eebbifamu ture. Angawoonni Afgaanistan gameeyyii, Afgaanistaanitti ambaasaadderri Iraan achitti argamu jedhamee eegamaa ture. Ennaa haleellaan sun raawwatamu angawoonni keellaa sana keessa jiraachuu fi dhiisuun hin beekamin jira.

XS
SM
MD
LG