Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummoonni Naannoolee Amaaraa fi Tigraay Lolatti Akka Jiran Beeksisan


Faayilii - Taankii lola irratti rukkutame, Humaraa, Adoolessa 1, 2021
Faayilii - Taankii lola irratti rukkutame, Humaraa, Adoolessa 1, 2021

“Alulaa Abbaa Naggaa” jechuun duula moggaasanitti aanee, “Duula Haadhota Tigraay” ka jedhu maggaasa haaraadhaan duula haaraa Tigiraay Kibbaa fi Kaabaa keessatti geggeessaniin lafawwan weeraraman jedhan, magaalaalee Koramii fi Alamaaxaa to’achuu isaanii gorsaan prezidaantii naannoo Tigiraay Obbo Getaachoo Raddaa ibsanii jiran.

Bilbila Saatelaayitiin gaaffii fi deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin geggeessaniin, yeroo ammaa kana Tigiraay Kibbaa fi Kaabaa keessatti waraansi kan itti fufee jiru tahuu dubbatan Obbo Getaachoon.

Gama biraatiin immoo, mootummaa Bulchiisa Naannoo Amaaraa weerara bal’aa HIWEHAAT uummata Amaaraa irratti bane qolachuudhaaf of irraa ittisuu irraa gara haleeluutti cehuu isaa beeksisee jira.

Akka sochii isaa kana deggeran qaamota adda addaatiifis waamicha dhiheessee jira.

Gabaasaalee Saaraa Daanyew fi Aster Misgaanaaw caqasaa.

Mootummoonni Naannoolee Amaaraa fi Tigraay Lolatti Akka Jiran Beeksisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:49 0:00


XS
SM
MD
LG