Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggootii Torbaaf Lafa Qonnaaf Iyyannee Deebii Dhabnaan Lafoo Jimmatti Galle:Qubattoota


Waggootii Torbaaf Lafa Qonnaaf Iyyannee Deebii Dhabnaan Lafoo Jimmatti Galle:Qubattoota
Waggootii Torbaaf Lafa Qonnaaf Iyyannee Deebii Dhabnaan Lafoo Jimmatti Galle:Qubattoota

Waggootii 18 dura jechuun akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1991 hongee fi hanqiina lafaa godina Haraargee Bahaa fi Dhiyaa mudateen kan ka’e manaa fi qe’e ofii gadhisanii gara godiina Baalee Dalloo mannaatti Godaanuuf dirqamuu isaanii dubbatu qubattonni haasoofsiifne.

San booda achuuma godina Baalee bakk shirkaa jedhamutti, itti fufees godina wallaggaa dhiyaa Gimbii dhuma irrattis Godiina Iluu Abba Boor aanaa Dambiitti geessee mootuummaan isaan qubsiisaa akka ture ibsanii jiran.

Kanneen jalqaba gara Dolloo Mannaatti godaanan kuma 90 akka ta’an kanneen ibsan qubattonni kun kana keessaa kuma lama qofaatu gara godiina wallaggaa fi san booda gara godiina Iluu Abba Boorti geeffame jedhu.Kanneen hafan bakka bakkatti faca’anii kaan immoo godiina duraan irraa godaananti deebi’an.

Warri godiina godina Iluu Abba Boor aanaa Dambii keessa qubatan waggootii darba torbaaf laftii qonnaa kennameef bishaaniin kan liqiimfame ta’u ibsuun laftii qonnaa ka biraa akka kennamuuf iyyataa akka jiran dubbattu.Lafa qonnaa dhabnee beelaaf saaxilamne namoonni du’anis jiru jedhu.

Dhuma irratti nu gamnaan Dambii irraa lafoo deemuun guyyoota hanga tokko booda magaalaa Jimmaa seenne kan jedhan qubattonni kun imaltuun keenya lafoo Finfinnee dhaqnee mootummaa naannoo oromiyaatti iyyachuu waan ta’eef yeroo laga Gibeetti dhiyaannu nu deebisaanii amma mooraa magaalaa Jimmaa keessatti eega nu galchanii guyyaa shanaffaa lakkofsisfee jirra jedhu.

Kamiisa har’a aangawoonni Oromiyaa fi kan godina Bunnoo Baddalle achitti argamuun qubattoota kan haasofsiisaniin yoo ta’u deebiin kennameef lafa turtaniitti deebi’atii deebii barbaachisaan isinii kennama ka jedhu akka ta’e ibsanii jiru.

Kana ilalchisee deebii qaban Jimaata borii Caamsaa 12 bara 2017 akka dhiyeessanif bellamnii qabameefii addaan ba’an.

Waggootii Torbaaf Lafa Qonnaaf Iyyannee Deebii Dhabnaan Lafoo Jimmatti Galle:Qubattoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:02 0:00

XS
SM
MD
LG