Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koloneel Gammachuu Dabalee Namoota Manni-murtii Federaalaa Gad-lakkise 12 Keessaa 9 Poolisiin Qabaman 


Koloneel Gammachuu Ayyaanaa

Qaama Hoggansa ol’aanaa ABO keessa tokko kan ta’an Konoleel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee namoota 12 murtee mana murtiitiin hidhadha gadi lakkiffamaan keessa 9 Osoo balbalaa mana hidhaatii hin bahiin poolisiin to’atamuu abukaatoon isaanii ibsanii jiru.

Camsaa 9, bara 2013tti mani murtii ol’aanaa Federaalaa dhaddachi yakkaa Farraa shorrorkeessummaa fi dhimmota heeraa motummaa 3ffaan, ramadiin Lidataa, namoota galmee obbo Kiisii Qixummaa irratti himataman 12 gad-lakkisuu abukaatoon isaanii ibsuu isaanii, gabaasuun keenya ni yaadatama.

Dhimma kana irraatti Koomishiinin poolisiin Federaalaa gama isaatiin namoota kana yakka kan birattiin shakkee ragaa irratti funanaa ture waan ta’eef poolisiin deebisee to’achuu isaa duubata. Tsahaay Daamxoo tu Finfinnee irraa gabaase.

Koloneel Gammachuu Dabalee Namoota Manni-murtii Federaalaa Gad-lakkise 12 Keessaa 9 Poolisiin Qabaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00


Yaadawwan Ilaali (4)

XS
SM
MD
LG