Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallaggaa Lixaatti Aangawaan Waajjira Geejjibaa fi Miiltonni Isaanii Hidhattootaan Ajjeesaman, Jedha Bulchiisi Godinichaa 


Godinaa Wallagga Lixaa magaala Gimbii (suuraa faayilii)
Godinaa Wallagga Lixaa magaala Gimbii (suuraa faayilii)

Godinaa Wallagga Lixaatti Itti gaafatamaan Waajjira Geejjibaa Godinichaa Obbo Waaqgaarii Qajeelaa hidhattootaan ajjeefamani jechuun bulchaan Godinichaa beeksisan.

Bulchaan Godina Wallagga lixaa Obbo Eliyaas Uummataa, “Namootni obbo Waaqgaarii wajjin turan biroon afur illee haleellaa Sanbata Xiqqaa torban darbe geggeessame kanaan ajjeeamaniiru, jedhanii jiran.

Haleellaa kanaan wal qabatee namni qabame jiraachuu baatus namootni eeruu kennuutti shakkaman shan qabamanii jiru, jedhu Obbo Eliyaas.

Naakoor Malkaa tu Ambo irraa gabaase

Wallaggaa Lixaatti Aangawaan Waajjira Geejjibaa fi Miiltonni Isaanii Hidhattootaan Ajjeesaman, Jedha Bulchiisi Godinichaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:22 0:00


XS
SM
MD
LG