Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-dhibdee Waa’ee Ijaarsa Manneen Jireenyaa Irraa Jiraattotaa fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Walitti-bu’insa Uumameen Lubbuun Namaa Dhabame


Wal-dhibdee Waa’ee Ijaarsa Manneen Jireenyaa Irraa Jiraattotaa fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Walitti-bu’insa Uumameen Lubbuun Namaa Dhabame
Wal-dhibdee Waa’ee Ijaarsa Manneen Jireenyaa Irraa Jiraattotaa fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Walitti-bu’insa Uumameen Lubbuun Namaa Dhabame

Naannoo Finfinnee bakka Nifaas Silk Laaftoo jedhamu keessa kanneen jiraatan mootummaan mana nu irratti diiguuf humnoota isaa nutti bobbaase jechuun himata.

Himannaa dhaaf gara qaama mootummaatti uummati imalee utuu jiruu jala deebi’uu dhaan mana isaa irratti dhiiguu jalqaban jedhu jiraattonni kun.

Mana kana hanga waggoota 40 fi isaa oliif kanneen irra jiraatan waan jiraniif maanguddoonni hedduun illee naannoo kana keessa jiraachuu dubbatu. Haa ta’u malee bulchiinsi naannoo wal ga’ii nu waamuu dhaan kana dura bara 1997 ennaa filannoon geggeessametti lafa keessan kan seeraa isiniif taasisna nu filadhaa waan jedhaniif nutis shakkii tokko malee guutummaan sagalee kennineef.

Sana booda garuu waadaa isaanii diiguu dhaan afaanuma lafa keessan seeraan galmeessina nuun jedhaniin amma garuu yoo feetan lagatti yoo feetanis bakka feetan dhaqaa nuun jechuun manni akka nu irratti diigamu nutti hiaman jedhan jiraatonni naannoo Laaftoo. Uummatichis manni isaa duraa diigamuu ennaa argutti aarii dhaan ofi ittisuu jalqabe. Walitti bu’iinsa uumameen poolisii fi bulchaan aanaa Sanaa dua’uu ibsaniiru.

Uummatatti qabanii dhukaasaa waan turaniif uummati gara laga guddaa naannoo sana jiru Qarsaa jedhamuutti baqatee kan achi keessatti nam’e illee waan jiruuf namoonni hedduun dhumuu malu jedhan. Mootummaan Itiyoopiyaas gama isaan ibsa kenneen naannoo Nifaas Silk Laaftoo jedhamu keessaa namoota gocha seeraan alaa raawwatan to’annaa jala oolchuuf yaaliin godhamaa jira jedhe.

Magaalaa Finfinnee bakka Nifaas Silk Laaftoo jedhamuu fi Haannaa Maariyaam jedhamuun beekamu keessatti jedha ibsichi ijaarsa seeraan alaa seera qabsiisuuf sochii taasisameen kanneen seeraa ala sosso’an haleellaa geessisaniin miseensonni poolisii lamaa fi miseensi hoji raawwachiistuu aanaa Sanaa du’aniiru jechuu dhaan waajjirri kominikeeshinii mootummaa beeksisee jira. Qaamotii gocha seeraan alaa raawwatan kana to’annaa jala oolchuuf komiishinni poolisii Federaalaa fi komiishinni Poolisii Finfinnee hawaasicha waliin ta’uu dhaan gocha kanneen seeraan ala ta’an kanaa guutummaatti to’annaa jala oolchuuf sochii gochaa kan jiru ta'uu beeksisee jira.

Wal-dhibdee Waa’ee Ijaarsa Manneen Jireenyaa Irraa Jiraattotaa fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Walitti-bu’insa Uumameen Lubbuun Namaa Dhabame
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:18 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG